AMN PLUS- Adoolessa 05/2018
Waggoota shanan darban keessatti hojiiwwan bu’uura galii bal’isuu, tajaajila ariifachiisuu fi kaffaltoota gibiraa haaraa horachuun galii magaalaa bara 2013 birrii biliyoona 51 ture bara 2018tti birrii biliyoona 350tti guddisuun danda’ameera jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee.
Aadde Adaanech Yaa’ii Idilee 4ffaa Bara Hojii 5ffaa Mana Maree Magaalaa Finfinnee irratti gabaasa dhiyeessaniin sassaabbbiin galii bara 2018 kan bara bajataa 2017 keessa ture waliin yoo walbira qabamu caalmaa birrii biliyoona 116.3 ykn guddinna %50 agarsiiseera jedhan.

Bara bajataa xumurametti Finfinneen haala sassaabbii galii fi bajataa misooma barbaachisoof sirnaan hojiirra oolchuu irratti qorannoo madaallii bal’aa magaalota Afrikaa 6 irratti hojjetameen 1ffaa taatee filatamuun muuxannoo ishee qooduu yaadachiisan.
Sirna bulchiinsa faayinaansii mootummaa fooyyessuu fi bu’aa oditiitii irratti hundaa’uun sirreeffama taasifameen birrii miiliyoona 200 deebisiisuun danda’amuu Aadde.

Sirni bittaa mootummaa elektirooniksii (e-GP) jedhamu gara dhaabbata 61tti bal’achuun iftoominniifi ariifannaan bittaa dabaluu eeran.
Jijjiiramoonni kunniin hundi dandeettii faayinaansii magaalattii cimsuun lammiidhaaf tajaajila gaarii kennuu kan dandeessisuu fi bu’uura itti-gaafatamummaa cimaa kan kaa’an ta’uus ibsan.
Bajata waggaa kanaaf ramadame birrii biliyoona 360.07 keessaa, misooma waaraatiif birrii biliyoona 258.89 ykn %71 akka oolu kan taasifame yoo tahu, %29 ammoo baasii idileetiif hojii irra ooluu himan.

Sirna bulchiinsa qabeenyaa ammayyeessuu fi hojimaata harkaatiin hojjetamu hambisuun, dhaabbileen bulchiinsa magaalichaa 699 ragaa qabeenyaa isaanii kuusaa ragaa (database) ammayyaatti akka galchan taasifameera jedhan.
Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti, dhaabbilee kiraa gamoo isaanii seeraan ala safartoo ol kaasuun qabeenya mootummaa birrii miiliyoona 100 karaa hin malleen kaffalchiisan hordoffii fi to’annoo qindaawaa taasifameen qabeenyicha deebisiisuun danda’amuu Kantiibaa Adaanech Abeebeen gabaasa isaaniin kaasaniiru.
Tagany Bafiqaaduutiin Qindaa’e