AMN PLUS – Adoolessa 05/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee haaromsa magaalaafi misooma koriidarii akkasumas qarqara laggeenii duuba jireenya jiraattotaaf haala mijataa uumuutuu jira jedhan.
Aadde Adaanech Yaa’ii Idilee 4ffaa Bara Hojii 5ffaa Mana Maree Magaalaa Finfinneef irratti damee haaromsa magaalaa, misooma koriidarii fi qarqara laggeennii irratti xiyyeeffachuun Miseensota Mana Mareef gabaasa dhiyeessaniiru.

Kantiibaa Adaanech gabaasa isaaniin jiraattotaaf haala mijataa guddina magaalaa Finfinnee madaalu uumuuf mootummaan hojiilee hedduu hojjechuu ibsuun akka fakkeenyaattis manneen Kuma 26 ol ijaaruun dhiyeessuu, Birriin Biliyoona 40 ol beenyaaf kaffalamuu akkasumas lafa hektaara 400 tahu bakka buhiinsaan jiraattotaaf of-eeggannoon dhiyeessuun danda’amuu ibsaniiru.
Akkasumas jiraattota Kuma 300 fi 700 haala rakkisaa keessa waloonis tahu waanuma jiru keessa wal dhiibbatan jiraachaa turan akka mana argatan taasifamuu Aadde Adaanech ibsaniiru.

Gama carraa hojii uumuun namoota Kuma 4 oliif sheediin yoo kennamu, namoota Kuma 5 tahaniif ammoo suuqiiwwan itti hojjetan jijjiiramuu danda’an kennamuu Aadde Adaanech ibsaniiru.
Tokkoon tokkoo hojiilee bulchiinsa magaalichaan hojjetamanii aadaa hojii 24/7’n milkaa’u kan eeran Aadde Adaanech kunis hojjennaan bu’a qabeessa tahuun akka danda’amu agarsiiftuu tahuu kan itti hubatameedha jedhaniiru.
Keessattuu lafa hektaara Kuma 6 kan uwwisu koriidaroota 16 fi laggeen 8 dheerina 59 KM qaban, misooma magariisaa lafa hektaara Kuma 2 irra buufate, hidhaalee bishaanii 24, Cheekdaamoota 66, haroo namtolchee 3, riqaalee imaltoota miilaa tajaajilaan 51 fi bu’uuraalee misoomaa biroo ofkeessatti hammate misoomni qarqara lagaa haala ajaa’ibaan hojjetame bu’aa qabeessa tahee galmaa’uu Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.

Kana malees marsaa 3’n kan hojjetame misoomni koriidarii magaalattii yaa’insa tiraafikaa saffisiisu, qulqullinaafi miidhagina dabaluuf daandiiwwan sadarkaa isaanii eeggatan imaltoota miilaaf 426 KM, konkolaataaf 223 KM,biskileetiif 255 KM akkasumas fiigicha tiraakiif 62.4 KM, iddoowwan taphaa daa’immanii 106, dirreewwan ispoortii 162 haala hawwatan ijaaramu Aadde Adaanech ibsaniiru.
Dabalataan sararootni dhabamsiisa dhangalaa’aa 202 KM fi boo’oon lolaa fageenya 238.4 KM qaban jiraattotaaf haala mijataa uumuuf hojjetamuunis ibsameera.

Haaromsa magaalaafi misooma koriidariin walqabatee iddoowwan dhaabbii konkolaataa 180, pilaazaawwan 205, amfi tiyaatirri 110, suuqiiwwan Kuma 5 fi 500 ol akkasumas mooliwwan 233 dabalatee Finfinnee miidhagduufi hawwattuu taasisuuf hojiileen milkaa’ina qaban hedduun jireenya jiraattoota magaalatti giddu galeessa taasifachuun hojjetamuu Kantiibaa Adaanech gabaasa dhiyeessan keessatti kaasaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin Qindaa’e