AMN PLUS- Adoolessa 05/2018
Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti hannaa fi hojimaata badaa ittisuuf hojii hojjetameen, muudamtoota 79 dabalatee qaamolee hojimaata badaa keessatti hirmaatan waliigalaan Kuma 5fi 857 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.
Aadde Adaanech Abeebeen gabaasa hojii Yaa’ii Idilee 4ffaa Bara Hojii 5ffaa Mana Maree Magaalaa Finfinneef dhiyeessaniin Mootummaan tajaajila dijitaalessuun itti quufiinsa tajaajilaa mirkaneessuuf yaalii taasisuun cinatti qaamolee hojimaata badaa keessatti hirmaatan irratti tarkaanfii araarama hinqabne fudhachaa akka jiru ibsan.

Tajaajilli iftoominaa fi itti gaafatamummaa akka qabaatu gochuuf Addis Miidiyaa Neetwoork gaaffiiwwan uummata irraa ka’an haala itti deebii argatan tamsaasa kallattii ‘Agalgayu’ jedhuufi Sagantaa ”Waarkaa” jedhuun tajaajilaa fi uummati argamee fuulaa fi fuulatti sagantaan gaaffiin itti dhiyaatu hojii irra ooluu ibsan.

Gaaffiwwan Miidiyaan ka’an keessaa rakkooleen dhibbantaa 89 ta’an hiikamuun isaanii mirkanaa’eera jedhaniiru.
Hannaa fi amala hojii badaa ittisuuf kutannoo taasifameen, qaamolee badii keessatti hirmaatan waliigalaan 5,857 irratti tarkaanfiin fudhatameera.
Isaan keessaa hoggantoota muudaman 79, hoggantoota meeritii 213, ogeeyyii Kuma 5fi 430 fi tajaajilamtoota 135 akka ulfaatina balleessaa isaanii irratti hundaa’uun akeekkachiisa irraa eegalee hojii irraa gaggeessuutti tarkaanfiileen fudhatamuu ibsaniiru.
Daraartuu Tarreessaatiin Qindaa’e