Finfinneen magaalota Afrikaa qulqulluu 10 keessaa tokko ta’uun beekamtii idil-addunyaa argatteetti- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Finfinneen magaalota Afrikaa qulqulluu 10 keessaa tokko ta’uun beekamtii idil-addunyaa argatteetti- Kantiibaa Adaanech Abeebee

‎AMN PLUS- Adoolessa 05/2018

‎Jijjiirama bu’uuraa galmeeffameen Magaalaan Finfinnee magaalota Afrikaa 10 qulqulluu ta’an keessaa tokko ta’uun beekamtii idil-addunyaa akka argatte Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.

‎Kantiibaa Adaanech Yaa’ii Idilee 4ffaa Bara Hojii 5ffaa Mana Maree Magaalaa Finfinneef gabaasa dhiyeessaniin, hojiilee misooma koriidarii fi qarqara laggeenii akkasumas deebisanii misoomsuu hojjetameen araddaaleen Finfinnee bifa fokkisaafi haala jireenyaa gadi aanaa keessa turan %74 irraa gara %30tti xiqqeessuun danda’amuu ibsan.

Sagantaa ashaaraa magariisaa qabatamaatti hojirraa oolchuun uwwisni magaariisa Finfinnee Waggaa 5 dura %2.8 ture amma %24’tti akka ol guddates Kantiibaa Adaanech dubbataniiru.

‎Daandiiwwan duraanii dhiphaa ta’uu irraa kan ka’an konkolaataawwan daandiirratti wal danquun imala namaa harkisaa oolan har’a bal’achuun hojjetamaniiru kan jedhan Kantiibaa Adaanech, bal’achuu qofaa mitii daandiiwwan guutu Magaalaa Finfinneetti ibsaa adda addaatiin kuulamuun magaalatti dukkana keessaa baasuu himaniiru.

‎Finfinneen bu’uuraalee misooma hedduu kan hojjetteen konfiraansii gurguddoo addunyaa 221 keessummeessuun wiirtuu dippilomaasii Idil-addunyaa ta’uushee mirkaneessiteetti, Afrikaanotas boonsaa jirti jedhaniiru.

‎Kenninsa tajaajilota kanaan dura birookiraasiin itti baay’achuun maamilli deddeebi’aa ooluun hafeera kan jedhan Kantiibaa Adaanech, giddu galoota dijitaalaa babal’isuun kenniinsa tajaajilaa fooyyessuun yeroo fi baasii xiqqaan hawaasni tajaajila argachaa akka jiranis kaasaniiru.

Bara 2018tti ‎baasii magalaattii fi abbootii qabeenyaa hirmaachisuun pirojektoonni rakkoo hawaasummaa fi dinagdee hawaasaa hiikan Kuma 60 ol xumuramuun tajaajilaaf banaa akka ta’anis ifoomsaniiru.

‎Kantiibaa Adaanech dabaluun, “Qisaasama, hannaa, fi saamicha baajata mootummaa kanaan dura ture hambisuun, akkasumas bajata xiqqaa misooma waaraaf ramadamaa ture %47 irraa gara %71tti guddisuun misoomni itti fufiinsa qabu akka raawwatamu taasisneerra” jedhan.

Shuumii Badhaasootiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply