Hospitaalonni mootummaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee jalatti argaman haalli isaanii kaleessaa irraa baayyee jijjiiramaa jiru.
Hospitaalonni kun waggoota dheeraaf dagatamanii dulloominaa fi kosii keessa turan, amma garuu ijaarsa ammayyaa haaraatiin bakka buufamaa jiru.
Meeshaaleen yaalaa dullooman yeroo ammaa teeknooloojii ammayyaatiin hojjetamanitti jijjiiramaa jiru.

Kunis tajaajila fayyaa fooyyessuu qofa utuu hin taane, hojii ogeeyyii fayyaa keenyaaf mijaa’aa taasisuudha.
Keessumaa hospitaalonni muraasnifooliin isaanii guutummaatti jijjiirataniiru. Namni gara mooraa yeroo seenu naannoo qulqullinaa fi boqonnaa sammuu kan fayyinaaf mijatu itti dhaga’ama.

Kanaafis Hospitaalli Yaadannoo Zawdituu, Hospitaalli Minilik akkasumas Hospitaalli Ras Dastaa kan kaleessa eebbifame ragaa ifa ta’anii dhaabbatu.
Haalli gaariin kun hospitaalota keenya hunda keessatti akka hojii irra ooluuf ciminaan ni hojjenna.
Uumaan Itoophiyaa fi uummattoota ishee haa eebbisu!