AMN PLUS – Adoolessa 05/2018
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee egereen biyyaa harka dargaggootaa ta’uu hubachuun dargaggoonni misooma hundagaleessa irratti hirmaataafi fayyadamaa akka ta’uuf hojjechaa akka jiru Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.
Aadde Adaanech gabaasa Mana Maree Magaalaa Finfinneef dhiyeessan irratti, “Finfinneen waltajjiiwwan babal’aa sadarkaa adda addaatti qindeessuun dargaggoonni miliyoonaan lakkaa’aman dhimmoota biyyaalessaa fi yeroo irratti hubannoo akka argataniif darbees ol’aantummaa yaadaafi mariitti warra amanan akka ta’an, humnoota farra nagaatiin akka hin gowwomfamnee fi tiksee nagaa akka ta’an hojjechaa turuu himan.

Magaalichatti waggoota shanan darban keessatti bakkeewwan isportii 495 turan yeroo ammaa 2,581’tti olguddisuun danda’amuus ifoomsaniiru.
Finfinneetti Ispoortiin hawaasa keessatti aadaa akka ta’uuf hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamuu kan eeran Aadde Adaanech, dargaggoota Kuma 84fi 678 ol sagantaa misooma leenjii sadarkaa magaalaattii leenjisuun dargaggoota 723 garee biyyaalessaafi kilabootaaf oomishuun danda’ameera jedhan.
Dargaggoota Kuma 211 ol ta’an leenjii ofitti amanamummaafi xiinsammuu ‘Mindset’ kennuun akkasumas dargaggoota Kuma 225 ol ta’an leenjii dandeettii jireenyaa akka fudhatan taasisuun danda’amuu eeraniiru.

Wiirtuuwwan isportii sadarkaa isaanii eegan 91, Paarkii Ispoortii atleetota gootota biyyaa ta’aniif siidaa kabajaa dhaabuu dabalatee hojiiwwan baay’een hojjetamuus ibsaniiru.
Ispoortii hawaasa bu’uura godhate sadarkaa hundatti, manneen barnootaa keessatti, bakka jireenyaa fi bashannanaa, akkasumas bakka hojiitti guddisuuf, lammiileen hundi qaamaa fi sammuudhaan fayya-buleessaa fi oomishaa akka ta’an gargaaruu, akkasumas walitti dhufeenya hawaasummaa cimsuuf itti fufiinsaan hojjechaa jiraachuus ibsameera.
Finfinneen sadarkaa biyyaattis ta’e magaalaatti yeroo jalqabaatiif dorgommii idil-addunyaa 5 keessummeessuun magaalittin bakka dorgommii idil-addunyaa taasisuu danda’aamuus ibsameera.
Tagany Bafiqaaduutiin Qindaa’e