‎Finfinneen birookiraasii daldalaa wal xaxaa cabsuun daldaltoota haaraa kuma 270 ol gara daldalaatti galchiteetti- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing ‎Finfinneen birookiraasii daldalaa wal xaxaa cabsuun daldaltoota haaraa kuma 270 ol gara daldalaatti galchiteetti- Kantiibaa Adaanech Abeebee

‎AMN PLUS-Adoolessa 06/2018

‎Waggoota 5 darbanitti hojimaata kenniinsa tajaajila daldalaa bu’uuraarra jijjiiruun birookiraasiin wal xaxaan kanaan dura ture waan salphateef daldaltoonni haaraa kuma 270 ol ta’an sirna daldalaatti akka dabalaman haala mijataan uumamuu isaa Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.

Aadde Adaanech Yaa’ii Idilee 4ffaa Bara Hojii 5ffaa Mana Maree Magaalaa Finfinnee irratti gabaasa dhiyeessaniin, ‎waggoota shanan darban kanatti dhiibbaa jireenya hawaasaa salphisuuf hojiilee hojjetamaniin dhiyeessin oomishaalee dabaluu ibsan.

Finfinneetti giddu gallii gabaa Sambataafi Dilbataa gara 259tti ol guddachuu ibsaniiru.

‎Dhiyeessii oomisha qonnaa itti fufiinsaan deggaruuf giddu galoonni gurgurtaa oomisha qonnaa ammayyaa 7 seensa magaalattii shanan irratti birrii biiliyoona 15.9n ijaaramanii hojiitti galuu isaanii kan himan Kantiibaa Adaanech, giddu galoonni kunneenis manneen kuusaa 432, manneen gurgurtaa qinxaaboo kuma 1 fi 247 akkasumas kan raabsaa 88 fi mana baaburaa miidhaan daakuu fi bakka fuduraaleen itti bilchaataan of keessatti kan hammatan akka jiranis kaasaniiru.

‎Bara bajataa kanattis bulchiinsi magaalichaa dhiyeessii oomisha qonnaa cimsuu fi dhiyeessii oomishaa fooyyessuun dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf liqii naanna’aa birrii miiliyoona 825 yuuniyeenoota 11’f deggarsa akka taasise yaadachisaniiru.

Korporeeshiniin daldalaa kaappitaala ka’umsaa birrii biiliyoona 5 ol qabu hundeessuun dhiyeessii oomishaa fooyyessaa akka jiru himuun, kanaanis dhiibbaa jireenya hawaasaa dandamachiisuuf dhiyeessii cimsuu fi jiraattotaf tajaajila fooyya’aa kennuuf hojjetamaa akka jiru Kantiibaa Adaanech dubbataniiru.

‎Meeshaalee bu’uuraa hawaasni akka argatuuf mootummaan deggarsa taasisuun sukkaara kuntaalli kuma 200 fi 434 fi zayitii nyaataa liitira miiliyoona 10 fi kuma 167f 275 raabsamuu isaas ibsaniiru.

‎Akkaataa karoora qabameen raabsan sukkaaraa %96 yoo ta’u, kan zayita nyaataa %100 raabsamuun akka danda’ames hubachiisaniiru.

‎Dhiibbaa jireenyaa namoota galii gadi aanaa qabanirraa salphisuuf geejjibaa, inshuraansii fayyaa, uffata barattootaa, nyaataa, fi oomishaalee biroof deggarsa birrii biiliyoona 8.2 baajata mootummaatiin akka kennamanis ifoomsaniiru.

‎Shuumii Badhaasootiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply