Faayidaa, mirgaa fi nageenya lammiilee Itoophiyaa biyya alaa jiraatan eeguuf tooftaalee dipilomaasii fi tajaajila qoonsilaa jiran hunda fayyadamuu itti fufna- Ministeera Dhimma Alaa

You are currently viewing Faayidaa, mirgaa fi nageenya lammiilee Itoophiyaa biyya alaa jiraatan eeguuf tooftaalee dipilomaasii fi tajaajila qoonsilaa jiran hunda fayyadamuu itti fufna- Ministeera Dhimma Alaa

AMN PLUS-Adoolessa 06/2018

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa, faayidaa, mirgaa fi nageenya lammiilee Itoophiyaa biyya alaa jiraatan eeguuf, filannoowwan dipilomaasii fi tajaajila qoonsilaa hunda fayyadamuu isaa akka itti fufu beeksise.

Ministeerichi, lammiilee Itoophiyaa Saa’udii Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran ilaalchisee ibsa kan baase yoo ta’u, lammiilee Itoopiyaa Saa’udii Arabiyaatti murtiin itti kennameef fala barbaaduuf Saa’udii Arabiyaatti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa akka jirus ifoomseeera.

Rakkoo kanaaf furmaata waaraa kennuuf mootummaan Itoophiyaa hoggantoota olaanoo mootummaa Saa’udii Arabiyaa waliin mari’chuun lammiilee Itoophiyaa achi jiraataniif nageenya, eegumsaa fi deggarsi qoonsilaa akka taasifamuuf xiyyeeffannoo guddaan hojjetamaa akka jirus eerameera.

Haaluma kanaan karaa Imbaasii Itoophiyaa Riyaad keessatti argamuu fi Qoonsila Jeneraalaa Jiddaa keessatti argamuun, lammiilee Itoophiyaa haala rakkisaa keessa jiraniif deggarsi qoonsilaa taasifame dhiifamni akka kennamuu fi furmaata akka argataniif qaamolee dhimmi ilaallatu waliin marii gaggeessaa tjiran daran cimsanii kan itti fufan ta’uus eeraniiru.

Hariiroon dipilomaasii waaraa kuni tattaaffiin qoonsilaa bu’aa gaarii gama namoomaatiin kan fide yoo ta’u, hanga ammaatti waliigalaan lammiileen Itoophiyaa kuma 1fi 971 Saa’udii Arabiyaa irraa araarri akka taasifameef ibsameera.

Mootummaan Itoophiyaas lammiilee araaramni taasfame kanneen baasii geejjiba xiyyaaraa danda’uun gara biyyaatti deebiseera.

Adeemsi kunis tumsa biyyoota lameenii gidduutti dhimma qoonsilaa fi namoomaa irratti jiru akkasumas, hariiroo yeroo dheeraa biyyoota lameenii gidduu jiru kan calaqqisiisu ta’uu Ministeerichi hubachiiseera.

Ministeerri Dhimma Alaa, faayidaa, mirgaa fi nageenya lammiilee Itoophiyaa biyya alaa jiraatan eeguuf tooftaalee dipilomaasii fi tajaajila qoonsilaa jiran hunda fayyadamuu isaa kan itti fufu ta’uus ibseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply