AMN Adooleessa 6, 2018
Tasgabbii Diinagdee fi Qaala’iinsa Jireenyaa Hir’isuu: Rakkoo qaala’iinsa jireenyaa gaaffii hawaasaa ijoo ta’e furuun hojii xiyyeeffannoo olaanaa ta’a.
Carraa Hojii Uumuu: Carraawwan fooyya’iinsa diinagdeetiin uumaman fayyadamuun damee Intarpiraayizoota Xixiqqaa fi Giddugaleessaa cimsuun hojii-dhabdummaa hir’isuu.
Bulchiinsa Bu’uura Misoomaa: Misoomawwan bu’uuraa guguddoo fi misoomawwan koriidarii waggoota darban keessatti hojjetaman kunuunsuun tajaajila isaanii itti fufiinsa qabu mirkaneessuu.
Bulchiinsa fi Suphaa Qabeenyaa: Pirojektoota haaraa jalqabuun cinaatti daandiiwwan, paarkotaafi ibsaa daandii ijaaraman qulqullinaan kunuunsuu fi suphuun aadaa hojii taasifachuuf baajata ramaduu.
Miidhaginaa fi Qulqullina Magaalaa: Koriidaronni misooman qulqulluu fi magariisa ta’anii akka itti fufan hawaasaa fi damee dhuunfaa waliin qindoominaan hojjechuu.
Geejjibaa fi Sochii Tiraafikaa: Guddiina saffisaa magaalattii waliin wal simsiisuun sirna dhiyeessii fi bulchiinsa geejjiba uummataa ammayyaa fi bu’a qabeessa ta’e cimsuu.
Bulchiinsa Gaarii fi Dijitaalaayizeeshinii: Tajaajila sirna “Addis Masoob” jalatti amma dhibbeentaa 50 gahe gara dhibbeentaa 100tti guddisuun hojii mootummaa guutummaatti dijitaala taasisuu fi malaammaltummaa hir’isuu.
Misooma Hawaasummaa Cimsuu: Sagantaa nyaataa fi uffata barattootaa itti fufsiisuu; akkasumas Finfinnee giddugala tuuriizimii fayyaa akka taatuuf dandeettii ogeessota fayyaa guddisuu.
Sassaabbii Galii fi Naamusa Faayinaansii: Galii misooma waaraa tumsu sirnaan walitti qabuu, bu’uura gibiraa babal’isuu fi qusannaa mirkaneessuu.
Nagaa fi Tasgabbii Mirkaneessuu: Caasaalee nageenyaa hawaasaa cimsuun yakka hir’isuu; akkasumas saamicha lafaa fi ijaarsa seeraan alaa ittisuun mootummaa seeraa mirkaneessuu.
Sagantaalee Misooma Mana Jireenyaa: Gaaffii mana jireenyaa jiraattotaa deebisuuf mootummaa, damee dhuunfaa fi waldaalee hojii gamtaatiin ijaarsa manneen jireenyaa bal’inaan raawwachuu.
Pirojektoota Bishaanii fi Daandii: Pirojektoota guguddoo dhiyeessii bishaanii jalqabaman xumursiisuu; akkasumas bu’uuraalee misooma daandii babal’isuun neetwoorkii geejjibaa cimsuu.
Walumaagalatti, Finfinneen jiraattota isheef mijattuu, maqaa fi hojii ishee waliin wal simsiifte, magaalaa ammayyaa (Smart City) taatee akka ijaaramtuuf misoomni jalqabame qulqullina, bal’inaa fi saffisaan cimee akka itti fufu Kantiibaan Adaanech Abeebee ibsaniiru.
Tagany Bafiqaaduutiin Qindaa’e