AMN PLUS- Adoolessa 06/2018
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee bara baajataa 2018 keessa galii Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 50 walitti qabuu Kantibaa Aadde Adaanech Abeebee himan.
Galiin argames kan bara darbeen yoo madaalame Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 16 ol caalmaa qabaachuu kaasan.
Madda galii babal’isuu fi galiin walitti qabamu bifa haqummaa isaa eegeen akka walitti qabamu taasisuun bal’inaan waan hojjetameef caalmaan kun argame jedhan.
Milkaa’ina kanaafis kaffaltoota gibiraa amanamoo galateeffataniiru.