Finfinneen Sagantaa Mana Jireenyaa Miliyoona 1.5 guutuu biyyaatti karoorfame keessaatti qooda guddaa fudhatti

You are currently viewing Finfinneen Sagantaa Mana Jireenyaa Miliyoona 1.5 guutuu biyyaatti karoorfame keessaatti qooda guddaa fudhatti

AMN PLUS – Adoolessa 06/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, mootummaan Federaalaa waggoota dhufan keessatti guutuu biyyattiitti sagantaa manneen jireenyaa miliyoona 1.5 ijaaruuf karoorfate keessaatti Finfinneen hirmaannaa guddaa akka argattu beeksisan.

Sagantaan kun Ministira Muummee Abiyyi Ahimadiin kan ifoomsame yoo ta’u, dhiyeessii manneen jireenyaa magaalattii keessatti bal’isuun waggoota dhufanitti hojii mootummaan dursa kennuuf keessaa isa tokko akka ta’e dubbatan.

Akkasumas, bulchiinsi magaalichaa waggoota dheeraaf qusannaa manneen waliinii keessatti hirmaachaa warra turaniif manneen jireenyaa dabarsuu itti fufa jedhan.

Haa ta’u malee, baasii ijaarsaa yeroo ammaa olka’aa dhufe irraa kan ka’e, gatii yeroo galmaa’anitti shallagameen dabarsuun ulfaataa ta’uu ibsan.

Kanaafis, namoonni qusannaa mana jireenyaa keessatti hirmaatan hamma qusannaa isaanii dabaluu akka qaban Aadde Adaanech hubachiisaniiru.

Lataa Tarreessaatiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply