MM Abiyyi Ahimad Pireezidaantii Beeniin waliin mari’atan

You are currently viewing MM Abiyyi Ahimad Pireezidaantii Beeniin waliin mari’atan

AMN PLUS- Adoolessa 6/2018

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Pireezidaantii Beeniin Roomuunwaald Waadaagnii waliin mari’ataniiru.

Dooktar Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Pireezidaantii Beeniin Roomuunwaald Waadaagnii waliin dhimmoota waloo irratti mari’achuu ibsaniiru.

Hariiroo gamlamee cimsuufi dhimmoota waloo irratti tumsa olaanaa taasisuuf carraalee dandeessisan irratti marii bu’aa qabeessa taasifneerra jedhan.

Tumsa cimaafi michummaa waaraaf kutannoo waloo qabnu guddisuuf fedhii guddaa qabnas jechuun ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply