Hordoffiin oodiitii dhaabbileen akka of fooyyessanif shoora guddaa qaba- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Hordoffiin oodiitii dhaabbileen akka of fooyyessanif shoora guddaa qaba- Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMNPLUS-Adoolessa 06/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, guyyaa 2ffaa walga’ii Mana Maree Finfinneerratti gabaasa oodiitii dhiyaate irratti yaada kennanin dhaabbileen 107 waggaa tokko keessatti odiitii taasifameen fooyya’aa jiraachu ibsan.

Oodiitii taasifameen qaawwa dhaabbilee irratti argame hordoffii taasisuun dhaabbilee of fooyyessanif gumaacha olaanaa akka qabus dubbataniiru.

Oodiitii taasifameen dhaabbileen 26 gabaasa dhiyeessaniin komii tokko illee kan hin qabne yoo ta’an, dhaabbileen 49 ammoo hanqina kan mul’isan ta’aniis kan baroota dabreen yoo madaalaman fooyya’inni jiraachuu isaas Kantiibaa Adaanech kaasaniiru.

Dhaabbileen sanadoota barbaachisan osoo hin dhiyeessin hanqinoota mul’isan sirreeffamu akka qaban kan akeekkachiisan Kantiibaa Adaanech, hanqinoota kanneenirratti hordoffii cimaan taasifamuun sirreeffamni waaraa dhufuu akka qabu himaniiru.

Gabaasni raawwii oodiitii kunis itti fayyadama qabeenya magaalattii akkasumas, bulchiinsa galii fi baasii keessatti sirna gaarii fi iftoomina kan qabu ta’uu isaa ibsaniiru.

Shuumii Badhaasootiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply