Har’a sanyii gaarii dhaloota boruuf ta’u ni facaafna. Ijoolleen keenya firii isaa akka argatan ni taasifna- MM Abiyyi Ahimad

You are currently viewing Har’a sanyii gaarii dhaloota boruuf ta’u ni facaafna. Ijoolleen keenya firii isaa akka argatan ni taasifna- MM Abiyyi Ahimad

Ergaa Guutuu Ministira Muummee

Sirna baniinsaa Marii Biyyaalessaa seena-qabeessa kana irratti argamuu kootti baayʼee boonaa. Gammachuu guddaa natti dhagahama.

Torbanoota itti aanan keessatti namoota 4,000 ol taʼan bakka tokkotti walitti kan qabu gumiin guddaan kun, Itoophiyaan harka ofiitiin seenaa haaraa barreessuuf carraa itti “qalamaa fi barruu” argatte carraa seena-qabeessa dha.

Har’a marsaa imala siyaasaa Itoophiyaa kan yeroo dheeraaf dubbii humnaan jalqabee tarkaanfii humnaan xumuramaa ture sana cabsinee, marii, haasawa fi wal-dhageettiidhaan bakka buufnu irra geenye jirra.

Imala guddaa kana milkeessuuf hojii guddaa kan hojjetan Komishinaroota Komishinii Marii Biyyaalessaatiif galata guddaa koo ibsa.

Gumiin kun adeemsa ajandaa gad irraa gara oliitti deemuun, mootummaa qofa osoo hin taane lammiilee kuma dhibbaan lakkaaʼaman hirmaachisuun ijaarame dha.

Kanaafis carraa salphaatti irra deebiʼamee hin argamne fi seenaa ammayyaa Itoophiyaa keessatti kaayyoo guddaa fi hiika balʼaa qabu dha. Kanaanis qormaata keenya gara carraa gaariitti jijjiiruun aadaa ceʼumsaa mootummaa karaa nagaa taʼeen raawwatamu ni cimsina.

Har’a sanyii gaarii dhaloota boruuf ta’u ni facaafna. Ijoolleen keenya firii isaa akka argatan ni taasifna. Marii kana irratti kan hirmaattan naannoo keenya qofa osoo hin taane, Itoophiyaaaf jechuun, dhaloota keenya yaadachuun yoo mariʼanne fi wal dhageenye, buʼaan isaa baayʼee buʼa qabeessa taʼa.

Walumaan abdii, dhiifamaa fi waliin jiraachuu haa facaafnu. Rakkoo keenya marii fi dhiifama biyya keessaa taʼeen hiikuun biyya keenya gidduu seentummaa alaa irraa haa eegnu.

Hirmaattonni hundi Itoophiyaaf buʼaa gaarii, Afrikaaf fakkeenya gaarii, uummata Itoophiyaa maraaf immoo boqonnaa dhugaa kan fidu buʼaa seena-qabeessa akka galmeessan waamicha koo dhiyeessa.

Itoophiyaan tattaaffii ilmaan isheetiin, kabajamtee bara baraan haa jiraattu!

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply