AMN PLUS – Adoolessa 8/ 2018
Gamtaan Afrikaa Yaa’ii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa guutummaatti Itoophiyaanota qofaan qindaa’ee fi hirmaachisummaa guutuudhaan adeemsifamaa jiru akka dinqisiifatu Komishinarri Dhimmoota Siyaasaa, Nageenyaafi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa Ambaasaaddar Baankolee Adooyee ibsan.
Yeroo jalqabaaf seenaa Itoophiyaa keessatti Yaa’ii Marii Biyyaalessaa mata duree, “Biyya Mariidhaan cimtu ” jedhuun Giddugala Konveenshinii Idil-addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jira.
Saganticharratti Gamtaa Afrikaa bakka bu’uun kan argaman Ambaasaaddar Baankoleen, Yaa’iin kun seena-qabeessa ta’uu ibsaniiru.

Yaa’ii seena qabeessa kana irratti argamuun haasaa taasisuu isaaniif gammachuu qaban ibsanii, kun Afrikaa guutuuf fakkeenya gaarii fi boonsa akka ta’e dubbataniiru .
Ambaasaaddar Baankoleen mariin biyyaalessaa kun injifannoo seena-qabeessa ta’uu ibsanii, nageenya waaraa fi misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf gahee olaanaa akka qabu eeraniiru.

Mariin kun guutummaatti Itoophiyaanotaan qophaa’ee geggeeffamaa jiraachuu isaa dinqisiifatanii, Gamtaan Afrikaas deeggarsa barbaachisaa ta’e hunda kennuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.
Dabalataanis, nageenyaa fi misooma waaraa deeggaruu akka itti fufan ibsanii, hojiiwwan kun Ajandaa Afrikaa 2063 waliin wal-simanii akka itti fufan Gamtaan Afrikaa deeggarsa guutuu akka taasisu dubbataniiru.
Yaa’ii kana irratti lammiileen Itoophiyaa naannolee hunda irraa dhufan kuma 4 ol argamaniiru.
Daraartuu Tarreessatu qindeesse