Bu’aan marii biyyaalessaa hiree gara fuulduraa biyyatti kan murteessuudha- Piroofeesar Masfin Ara’ayaa

You are currently viewing Bu’aan marii biyyaalessaa hiree gara fuulduraa biyyatti kan murteessuudha- Piroofeesar Masfin Ara’ayaa

AMN PLUS-Adoolessa 08/2018

Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Pirofeesar Masfin Ara’ayaa bu’aan marii biyyaalessaa kuni hiree biyyatti kan gara fuulduraa kan murteessu akka ta’e ibsan.

Marii biyyaalessaa seena-qabeessa ta’e kuni waggoota dheeraaf rakkoolee walxaxaa biyyattii hiikuuf, garaagarummaa karaa nagaa fi aada-qabeessa ta’een furuuf, akkasumas dhaloota eegeretiif biyya jabduu dhaalchisuuf kan kaayyeffate akka ta’es eeraniiru.

Marii biyyaalessaa seena-qabeessi kunis bakka qondaaltonni mootummaa sadarkaa olaanoo, jaarsolii biyyaa, abbootii amantii, bakka bu’oonni mootummoota biyya alaa fi dhaabbilee idil-addunyaa bebbeekamoo, akkasumas hirmaattonni naannolee garaagaraa Itoophiyaa irraa dhufan argamanitti ifatti jalqabameera.

Garaagarummaan yaadaa miidhagina dimokraasii fi qabiyyee sirna dimokraatawaa ta’uu kan dubbatan Komishinar Pirofeesar Masfin Ara’ayaa, rakkoon guddaan garaagarummaa jiru mariidhaan osoo hin taane humnaa fi dirqamaan hiikuuf yaaluutu dhibee guddaadha jedhaniiru.

Rakkoolee siyaasaa fi hawaasummaa biyyattii keessatti hidda gadi fageeffate furmaata yeroo gabaabaatiin hiikuun akka hin danda’amne ibsuun, karaa amanamaa fi waaraa ta’een marii biyyaalessaa hunda hammatee fi ragaa saayinsii irratti hundaa’een gaggeessuun yoo jiraateedha jedhaniiru.

Adeemsa hojii ifaa fi iftoomina qabu diriirsuun, hirmaattota walaba ta’an filachuun, akkasumas ajandaawwan guutummaa biyyattii irraa walitti qabuun haala of eeggannoo qabuun ogummaa guddaadhaan akka raawwatamu taasisuunis akka barbaachisu ibsaniiru.

Hirmaattonni marii kana irratti hirmaachuu dhufanis garee fi fedhii dhuunfaa dhiisanii Itoophiyaaf dursa kennuun, qalbii gaarii, obsa, wal kabajuu fi dhugaa irratti hundaa’uun akka mari’atanif Komishinarichi waamicha dhiyeessaniiru.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply