Boqonnaan seenaa hamaan darbe bara keenya keessatti akka irra hin deebi’amneef itti gaafatamummaa guddaan nutti dhaga’amuu qaba –Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Boqonnaan seenaa hamaan darbe bara keenya keessatti akka irra hin deebi’amneef itti gaafatamummaa guddaan nutti dhaga’amuu qaba –Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS – Adoolessa 08/2018

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD)waltajjii Gumii Marii Biyyaalessaa irratti haasaa taasisaniin, mariin biyyaalessaa kun Itoophiyaadhaaf carraa seenaa guddaa ta’uu ibsaniiru.

Akka ibsa isaanii keessatti eeranitti, yeroo tokko tokko taateewwan addaa namoota kobbee fi waraqaa seenaa dura dhaabu. Har’a immoo seenaa itti aanu harka keenyaan barreessuuf carraan nuuf kennameera.

Waltajjiin Marii Biyyaalessaa har’a irratti argamnu kun, namoota ogummaa fi hubannaa qaban, akkasumas lammiiwwan guddina seenaa, carraa fi yeroo adda ta’e kana hubatan hundaaf boqonnaa haaraa waloo banuudha.

Waltajjiin kun seenaa biyyaa baraaru, ummata fayyaduu fi dhalootaaf yaadatamu barreessuuf carraa warqee ta’uu yaadachiisaniiru.

Ministirri Muummeen itti dabaluun, namoonni carraa seenaa kana sirnaan fayyadamuu hin dandeenye, kobbee fi waraqaan yoo kennamellee, seenaa biyya ijaaruu caalaa diigu, badhaadhina fiduu caalaa hiyyummaa babal’isu, akkasumas kabaja namaa xiqqeessu barreessanii darbuu akka danda’an ibsaniiru.

Boqonnaan seenaa hamaan darbe bara keenya keessatti akka hin deebi’amneef itti gaafatamummaa guddaan nutti dhaga’amuu akka qabu hubachiisaniiru.

Nuti fi dhaloonni nu dura ture carraa ijaarsa biyyaarratti dhaban, ilmaan keenya deebi’anii akka hin dhabneef amanamummaa fi itti gaafatamummaadhaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu waamicha isaanii dabarsaniiru.

Dr. Abiyyi Ahimad seenaa qalama keenyaan barreessinu ijaarsa biyyaaf kan tajaajilu, dhaloota kan badhaasu fi Itoophiyaa gara fuulduraatti ceesisu akka ta’uuf hundi keenya waliin hojjechuu akka qabnu cimsanii hubachiisaniiru.

Tagany Bafiqaaduutiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply