AMN PLUS – Adoolessa 08/2018
Pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa fi Abbaa Nageenya Afriikaa kan jedhaman Oleseguun Obaasaanjoo, Itoophiyaan qamadiin of-danda’uunshee yeroo Afriikaanonni hin yaannetti mul’ata milkaa’edha jechuun dinqisiifatan.
Obaasaanjoon sirna jalqabbii Yaa’ii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa irratti haasaa taasisaniin, murtoo Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad waggoota sadii dura Itoophiyaan oomisha qamadiitiin of dandeessuuf fudhatan yaadachiisan.
“Yeroo sana Afrikaatti waa’ee qamadii beekumsi keenya xiqqaa ture; qamadii Yukireenii fi Raashiyaa irraa galfamu irratti hirkannee turre,” jechuun dubbatan.
Garuu waraanni Yukireen yeroo ka’u biyyoonni Afriikaa hedduun miidhaa hirkattummaa dhandhaman jedhan.

Obasaanjoon mul’atni Ministira Muummee Abiyyi Ahimad milkaa’inaan hojiirra ooluu isaa galateeffatanii dinqisiifataniiru.
Akka isaan jedhanitti, Itoophiyaan amma oomisha qamadiitiin of danda’uu qofa osoo hin taane, qamadii gara biyya alaatti erguu jalqabdee jirti jedhan.
Kunis Itoophiyaan Afrikaaf kuusaa nyaataa ta’uuf carraa guddaa akka qabdu agarsiisa jedhan.
Dabalataanis, milkaa’inni kun Itoophiyaan biyyoota Afrikaa biroo waliin ta’uun guddinaa fi badhaadhina ardichaa cimsuuf carraa bal’aa akka uumes ibsaniiru.
Kanaafis Itoophiyaan humna diinagdee ijaaraa jirtuufi, lakkoofsi uummataashees carraa jabinashee akka bal’isan ibsaniiru.
Kan Qopheesse: Lataa Tarreessaa