AMN PLUS – Adoolessa 09/2018
As-dhufteen Itoophiyaa rakkoo siyaasaa fi gaaffilee walqabatanii ka’an humnaan furuuf yaaluunshee gatii guddaa kaffalchiiseera.
Gumii Biyyaalessaa gaaffilee waloo irratti ka’aniif haala mijeessuu dhabuun ishee maraammartoo waraanaa keessa ishee turseera.
Kun ammoo alagaaf qaawwa banee faayidaa biyyaalessaa hedduu harka diinotashee seensiseera.
Har’as Itoophiyaanonni gaaffii qabu. Garuu gaaffii sanaaf furmaatni kaleessaa deebii hin ta’u.
Ministirri Muummee FDRI, Abiyyi Ahimad (PhD), Itoophiyaan aadaa rakkoo humnaan xumurtu irraa gara marii fi furmaata nagaa waaraatti ce’uu qabdi jedhaniiru.

Sirna baniinsa Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa irratti haasaa taasisan keessatti adeemsi marii amma gaggeeffamaa jiru mala haaraa ta’uu ibsan.
Murteewwan gurguddoon yeroo darbe namoota muraasaan murtaa’aa turan irraa gara hirmaannaa uummataa bal’aatti ce’uun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Waggoota afran darban keessatti lammiileen Itoophiyaa Kuma dhibbaan lakkaa’aman mariilee adda addaa keessatti hirmaatanii bu’uura adeemsa Marii Biyyaalessaa amma jiru kaa’uu isaanii eeraniiru.

Muummichi Ministiraa Abiyyi Ahimad, aadaan wal mormii jechoota cimaatiin jalqabamee humnaan itti fufu rakkoo seenaa biyyattii keessaa isa guddaa ta’uu ibsanii, kun marii hunda hammatee fi waliigaltee biyyaalessaa uumuun furmaata waaraa argachuu akka qabu cimsanii dubbataniiru.
Akkasumas Mariin Biyyaalessaa nagaa fi egeree waloo Itoophiyaa ijaaruuf gahee murteessaa akka qabu ibsaniiru.

Itoophiyaan barootaaf rakkinoota hedduu keessa darbuu ibsanii, ta’us rakkoolee kana carraatti jijjiiruun dhaloota dhufuuf Itoophiyaa cimtuufi badhaatuu ijaaruun akka danda’amu irratti amantaa qaban ibsaniiru.
Hirmaattotni marii seena-qabeessa kanaa hundali itti gaafatamummaa guddaa fi amanamummaa guutuudhaan adeemsa kana keessatti akka hirmaatan waamicha dhiheessanii, furmaata waaraa fi waliigaltee biyyaalessaa dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Tagany Bafiqaaduutiin Qindaa’e