AMN PLUS – Adoolessa 09/2018
Itoophiyaan Dhaabbata Biyyoota Afrikaa, Kariibiyaan fi Paasifiikii (OACPS) ta’an keessatti dura taa’ummaa dhaabbatichaa ifatti fudhachuu Ministeerri Maallaqaa ibse.
Kunis hirmaannaa idil-addunyaa keessatti milkaa’ina guddaa ta’ee, misooma itti fufiinsa qabu, badhaadhina waliinii fi sirna tumsa addunyaa bu’a qabeessa ta’e cimsuuf kutannoo ishee irra deebiin mirkaneesseera.

Duraa taa’ummaan kun Walga’ii Mana Maree Ministiroota OACPS, Adoolessa 15–16, 2026 magaalaa Biraasalsitti gaggeeffamerratti biyyoota miseensa 79 irraa ministiroonni fi hoggantoonni mootummaa olaanoon, Sekireetaariyaatii OACPS fi michoonni misoomaa hirmaachuun imaammata, tarsiimoo fi dhimmoota mootummaa fuuldura dhaabbatichaa murteessan irratti mari’atan.
Sirna dabarsuu aangoo kana booda, Ministirri De’eetaan Ministeera Maallaqaa Samaarittaa Sewaasaw, Pirezidaantii haaraa Mana Maree Ministiroota OACPS ta’uun marii jalqabaa taasisaniiru.
Akka Pirezidaantii haaraa Mana Maree Ministiroota OACPSitti, Itoophiyaan miseensotaa gidduutti tokkummaa cimsuu, OACPS immoo akka waltajjii cimaa tumsa dinagdee, misooma itti fufiinsa qabu fi sagalee waliinii addunyaa irratti dhageessisuutti guddisuuf kutannoo qabdu mirkaneessaniiru.

Aadde Samaarittaan dabaluun carraa dinagdee bal’isuu, mootummaa misoomaaf maallaqa waaraa walitti qabu, tumsa cimsuu fi jireenya uummata biyyoota miseensa OACPS fooyyessuuf akka hojjetan ibsan.
Marii gamlamee Barreessaa Olaanaa OACPS Muusaa Saalih Baatraakii waliin taasisaniin, Itoophiyaan bu’a qabeessummaa fi beekamtii dhaabbatichaa guddisuu, akkasumas michoota idil-addunyaa waliin tumsa cimsuu irratti akka hojjettu Aadde Samaarittan eeraniiru.
Yeroo Itoophiyaan teessoo dura taa’ummaa qabdu keessatti kaayyoo tarsiimawaa dhaabbatichaa milkeessuuf waliin hojjechuuf walii galaniiru.