AMN PLUS- Adoolessa 10/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen harmee Gumii Marii Biyyaalessaaf Gambeellaarraa dhuftee Finfinneetti deesse Kurnuudoo Ujuluu gaafatan.
Aadde Adaanech “Guyyaan da’umsashee dhihaatullee, “Biyyi koo na waamteera; ani hin hafuu” jechuun Gumii Marii Biyyaalessaaf naannoo Gaambeellaa irraa gara Finfinnee kan dhufte dargaggeettiin Kirnuudoo Ujuuluu, adeemsa gumichaa keessa osoo jirtuu Hospitaala Zawdituutti mucaa dhiiraa nagaan deesse” jedhan.

Haati gootittiin kun jaalala biyyaatiif jecha waan hin danda’amne akka hin jirre hojii ishiitiin agarsiifteetti jedhan Aadde Adaanech.
“Nutis Pirezidaantii mootummaa naannoo Gaambeellaa Kabajamoo Aadde Alemituu Umed wajjin taanee bakka boqonnaa ishii deemnee baga gammaddan jennee daawwanneerra” jedhan.
Haati gootittiin kun aadaa maqaa daa’imaaf maatiin moggaasan irraa adda ta’uun, Komishiniin Marii Biyyaalessaa maqaa daa’imichaa akka moggaasu gaafachuu himan.

Bu’uura gaaffii ishiitiinis maqaan daa’imichaa “Mikikkir” jedhamee moggaafameera.
“Har’as yeroo ishee daawwanneetti, hojii guddaa kana milkeessuuf boqonnaa guyyoota muraasaa booda gara Gumii Marii Biyyaalessaatti deebi’uun hirmaachuuf qophii guutuu akka qabdu nuuf mirkaneessite” jedhan.
Hanga gumichi xumuramee gara naannoosheetti deebi’utti ishiifi daa’ima ishiif deeggarsa barbaachisu hunda akka taasisan ibsaniiru.

“Akkuma obboleettiin keenya mucaa ishee nagaan deessee gammachuudhaan guutamte, biyya keenya Itoophiyaanis rakkoolee ishii mudatan mariifi marabbaan hiikkachuun boqonnaa ce’umsa guddaa fi murteessaa akka galmeessitu amantaa cimaa qabna” jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebee.
‘Mikikkir’ guddaadhu; nuufis guddadhu! Atiifi daa’imman Itoophiyaa hunda biyya nagaan guutamte, jaalalli uummattootaa keessatti dagaagee fi badhaadhinni keessatti babal’ate keessatti gammachuudhaan akka guddattanii fi fuuldurattis akka dhaaltan hawwii guddaa qabna jedhaniiru.