“Raawwii hojii waliigalaa bara baajataa 2018 qorachuu eegalleerra” Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing “Raawwii hojii waliigalaa bara baajataa 2018 qorachuu eegalleerra” Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS- Adoolessa 10/2018

Gamaggamni raawwii hojii waliigalaa Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee kan bara bajataa 2018 eegaluu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Waltajjii gamaaggamaa guyyoota walitti aanan sadiif gaggeeffamu kana irratti, galmoota bara baajataa xumurameef kaa’amanii turan akka madaalaman Aadde Adaanech miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Akkasumas, barri baajataa 2018, xumuraa karoora tarsiimoo waggoota shanii waan ta’eef, hojii waggoota shanan darban keessatti hojjetame waliin walqabsiisuun ni gamaaggamama jedhan.

Waggoota shanan darban galmoota tarsiimawaa guutummaatti hojiirra oolchuuf amanamummaa fi qulqullina hojii agarsiisuun boqonnaa malee sa’aatii 24 guyyoota torban hojjechuun bu’aawwan hedduus galmaa’uu ibsaniiru.

“Keessumaa magaalaa guddoo keenya Finfinnee ajandaa faayidaa hin qabne keessaa baasnee, giddugala misoomaa fi nageenyaa akka taatu taasifneerra” jedhan.

Akkasumas, Finfinneen haqa hawaasummaa keessatti jabaattee, qulqulluu, magariisaa fi bareedduu ta’aa dhufuun xiyyeeffannaa addunyaa harkisaa jiraachuu himan.

“Dhugumatti milkaa’ina keenya cinaatti, har’as rakkoolee hanga ammaatti hiikamanii hin jirre qabna. Keessumaa garaagarummaa bu’a-qabeessummaa hoggansa keenyaa, akkasumas qaala’insa jireenyaa fi rakkoolee godaansa magaalaa keenya keessatti mul’atan gadi fageenyaan ni gamaaggamna” jedhan.

Milkaa’inoota hedduun galmaa’us, fedhii ummatni misoomaaf qabuufi kaayyoo badhaadhinaa waliin yoo madaalamu hojii hedduun akka hafu himaniiru.

“Kanaaf milkaa’inoota keenya caalaatti babal’isuu, rakkoolee jiran adda baasnee furuu, akkasumas bara baajataa itti aanu keessatti bu’aa olaanaa galmeessuun wiirtuu gamaaggama keenyaa ta’a” jedhan Kantiibaa Adaanech.

Guyyoota sadan kana kallattiiwwan xiyyeeffannoo itti aanan irrattis mariin akka adeemsifamu ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply