‎Finfinneen waggoota shanan dhufan daandii KM Kuma 1fi 500 ol ijaaruuf karoorfatte

You are currently viewing ‎Finfinneen waggoota shanan dhufan daandii KM Kuma 1fi 500 ol ijaaruuf karoorfatte

‎AMN PLUS-Adoolessa 13/2018

‎Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Magaalaa Finfinnee waggoota shanan dhufan keessatti daandii asfaaltii KM kuma 1 fi 500 ol ijaaruuf karoorfachuu beeksise.

‎Pirojektoonni daandii karoorfaman kunneen irraa caalaan hojiin dizaayinii isaanii kan xumuraman yoo ta’u, kanneen hafan ammoo qorannoorra jiraachuu Daayirektarri Olaanaan Abbaa Taayitichaa Injinar Muhiddiin Rashaad turtii AMN Diijitaal waliin taasisaniin ibsaniiru.

‎Pirojektoonni kunneenis gaaffiilee hawaasaaf deebii kan ta’an, akkasumas sochii diinagdee fi hawaasummaa magaalichaa kan fooyyessan ta’uu eeran.

Dhiphina tiraafikaa haalaan kan salphisu yoo ta’u, bara 2019 irraa eegalee ijaarsa jalqabuuf qophiin taasifamuu isaas dubbataniiru.

Pirojektoonni daandii‎ kunneen bu’uuraalee misoomaa biroo waliin walsimsiisuun of eeggannoo cimaan akka hawaasaaf tajaajila dheeraa kennaanitti xiyyeeffannoo addaatiin kan hojjetaman ta’uus eeraniiru.

‎Waggoota shanan darban Finfinneetti hojiin ijaarsaa fi suphaa daandii kiiloo meetira kuma 1 fi 600 ta’an hojjetamuu isaa Injinar Muhiddiin yaadachiisaniiru.

‎Daandiiwwan dhagaa “Koobilii” kiiloo meetira 107 ta’u hirmaannaa hawaasan ijaaramuu isaas ibsaniiru.

‎Jijjiirama waggoota shanan darban daandii magaalattii guddisuuf taasifameen uwwisaa daandii KM kuma 6 fi 553 ture amma gara KM kuma 8 fi 227tti ol guddachuu ifoomsaniiru.

‎Shuumii Badhaasootiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply