Kantiibaa Adaanech Abeebeen, AMN Raawwii Olaanaa Bara 2018 Galmeessiseef Beekamtii Kennan

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech Abeebeen, AMN Raawwii Olaanaa Bara 2018 Galmeessiseef Beekamtii Kennan

AMN PLUS – Adooleessa 13/2018

Addis Miidiyaa Neetwoork, bara baajataa 2018 keessatti hojii olaanaa raawwateef Bulchiinsa Magaalaa Finfinneerraa beekamtii argateera.

Bu’aan kun kan argame madaallii hojii guutuu magaalaa, raawwii karoora bara baajataa 2018 irratti hundaa’uun taasifameen dhaabbatichi hojii olaanaa galmeessisuun ragaa beekamtii argateera.

Ragaa beekamtii kana Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Hoji Raawwachiisaa Olaanaa Addis Miidiyaa Neetwoork Obbo Solomoon Dibaabaaf kennaniiru.

AMN Sagaleen Dhalootaa, hojiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii magaalattii hawaasa biraan ga’uun gahee ijaarsa biyyaa keessatti qabu cimsuun itti fufee hojjechaa jira.

Tagany Bafiqaaduutiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply