Kantiibaa Adaanech Abeebee ogeeyyii fayyaa dhukkubsatoota onnee 700 ol bilisaan yaalan waajjirasaaniitti simatan

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech Abeebee ogeeyyii fayyaa dhukkubsatoota onnee 700 ol bilisaan yaalan waajjirasaaniitti simatan

AMN PLUS- Adoolessa 13/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen hundeessitoota ‘Heart Attack Ethiopia Foundation’ fi garee tola ooltummaa yaala onnee waajjirasaaniitti simachuu ibsan.

Gareen kun yeroo shanaffaaf gara Itoophiyaa dhufuun dhukkubsattoota onnee 700 ol ta’an yaaluudhaan dhiphina isaanii irraa kan baraaran ta’uu Aadde Adaanech ibsaniiru.

Faawundeeshiniin ‘Heart Attack Ethiopia’ fi gareen isaanii hojii tola ooltummaa jaalalaan raawwattan baay’ee guddaa fi garaa namaa boqochiisudha jedhan.

“Tajaajilli isin fedhii keessaniin kennitan dhuguma dinqisiifannaa guddaa qaba” jechuun Fuuldurattis dhukkubsattoonni onnee yeroo yaalaa eeggachaa jiran deebii ariifataa akka argatan, qindoominaan waliin hojjechuun lubbuu namoota hedduu baraaruuf waliigaltee irra geenyeerra jedhaniiru.

Garee ogeessota yaalaa guddaa akkasii qindeessuun lubbuu lammiilee baraaruuf hojii guddaa hojjechaa warreen jiran galateeffataniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply