AMN PLUS- Adoolessa 13/2018
Magaalaa Finfinneetti waggoota muraasa darban hojii misooma hunda galeessi hojjetaman bifa magaallatti jijjiirun alatti jiraattootaf haala mijataa uumuun bu’aawwan baay’eetu galmeeffame.
Daandiiwwan babal’aan asfaaltii, kan biskileetii fi deemsa miilaa qaban, misoomni koriidarii, misoomni qarqara laggeenii, paarkiiwwani fi bakkeewwan magariisaa, akkasumas ijaarsi ammayyaa magaalattii miidhagduufi mijoftuu taasisaniiru.
Magaalaan kaleessa rakkoo bu’uuraalee misoomaatiin dhiphinni tiraafikaa, qulqullina dhaabuu laggeenii irraa kan ka’e maqaa gaarii dhabdee waggoota muraasa keessatti jijjiiramni guddaan keessatti mul’ateera.

Finfinneen, yeroo ammaa magaalota Afrikaa keessaa miidhaginaa fi guddinaan fakkeenya ta’aa jirtu taateetti.
Magaalattiin giddugala dinagdee, daldalaa, barnootaa fi dipilomaasii Afrikaa keessaa tokko ta’uunis shoora olaanaa taphachaa jirti.
Magaalaan Finfinnee lafa olka’oo irratti kan argamtu laggeen baay’eetu keessa qaxxaamuruun yaa’a.
Laggeen kunneen baroota dheeraadhaaf bakka dahoo yakkamtootaa, bakka balfa itti gatan ta’uun sona umuma isaanii gad-dhiisuun Finfinnee walakkaa qaxxaamuruun yaa’aa turan.

Yeroo gannaa jiraattonni qarqara lagaa irratti mana ijaarratan balaa lolaatiin miidhamaa akka turan mudannoon kanaan duraa ragaadha.
Amma garuu hojii misooma qarqara laggeenii irratti hojjetameen yaaddoo balaa lolaa jalaa baasuun, bakka bashannanaa, boqonnaa fi hawwata turistootaa ta’anii tajaajilaa jiru.
Misoomni magariisummaa magaalaa keessatti bal’inaan gaggeeffamaa jiru mirga jiraattotni naannoo qulqulluu fi mijataa keessa akka jiraatan cimsuu qofa osoo hin taane, carraa hojii fi galii dabalataas uumeera.

Sagantaa ashaaraa magariisaa akka biyyatti waqtii gannaa biqiltuun dhaabamu magaalaan Finfinnees hojiirraa oolchuun uwwisa magariisummaa dabalaa akka jirtus ifoomeera.
Hojiin magariisummaa kun eegumsa qilleensaa fi bishaanii cimsuun hojiiwwan itti fufiinsa qaban hojirra oolchuun magaalaa madaala naannoo eeggatte kan uumamnii fi hawaasni walsimee keessa jiraatan uumuuf gumaacha olaanaa kan qabuudha.
Shuumii Badhaasootiin Qindaa’e