Taphataa Alii Ahimad Istaadiyeemii Idil-addunyaa Adey Ababaa daawwate

You are currently viewing Taphataa Alii Ahimad Istaadiyeemii Idil-addunyaa Adey Ababaa daawwate

‎AMN PLUS- Adoolessa 14/2018

Taphataan Garee Biyyaalessaa Kanaadaa maatii Itoophiyaa irraa dhalate Alii Ahimad, Istaadiyeemii Idil-addunyaa Adey Ababaa gara xumuraatti dhiyaate daawwate.

Ministeera Aadaa fi Ispoortiitti Ministir Deetaa Misooma Ispoortii Obbo Makkiyyuu Mahaammad Alii daawwachiisuun sadarkaa ijaarsasaa ibsaniirufi.

‎Istaadiyeemichi torban kana keessa hojii dhaabbii baaxii toonii kuma 7 ulfaatuu akka eegaluufi teessoowwan istaadiyeemichaa dhaabuuf qophiin xumuramaa jiraachuu isaa himameera.

‎Hojiiwwan istaadiyeemichaa hafan waggaa lama kan hin geenye keessatti akka xumuruuf baatii Bitootessaa darbe Ministeerri Aadaa fi Ispoortii fi Dhaabbanni Chaayinaa Kominikeeshinii fi Konistiraakshinii waliin walii galtee raawwachuun isaanii ni yaadatama.

‎Istaadiyeemiin Idil-addunyaa Adey Ababaa yeroo xumuramutti namoota kuma 60 ol simachuu akka danda’u kan eegamu yoo ta’u, dirreen taphaa isaa duraanuu beekamtii FIFA argachuun isaa ni yaadatama.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply