Ol adeemaan Itoophiyaa dorgommii qubeessuu addunyaa ‘Spelling Bee’ Shaangaayitti gaggeeffame injifate

AMN PLUS – Adoolessa 14/2018

Urjiin haaraan dhalateera! Daa’ima waggaa 8 Qaal Tasfaayee dorgommii qubeessuu Addunyaa ‘Spelling Bee’ Shaangaayitti gaggeeffame injifate.

Ogummaa fi cimina hojii keessatti umuriin lakkoofsa qofa! Qaal Tasfaayeen Dorgommii Addunyaa ‘Spelling Bee World Cup, fi ASBC Asian Cup, bara 2026 Chaayinaa magaalaa Shaangaayitti gaggeeffame irratti injifannoo guddaa galmeessisuun maqaa Itoophiyaa ol kaaseera.

Qaal Tasfaayeen Itoophiyaa bakka bu’uun milkaa’ina armaan gadii galmeesseera:

• Asian Spelling Bee Cup – Badhaasa Olaanaa (Ramaddii Jalqabaa)

• Spelling Bee World Cup – Badhaasa Warqee (Ramaddii Jalqabaa)

• Spelling Bee World Cup – Akka Addunyaatti Sadarkaa 6ffaa (Ramaddii Walmakaa)

Milkaa’inni guddaan kun bu’uura cimaa jalqaba kaa’ameen kan argamedha.

Imbaasiin Itoophiyaa Beejiing isponsara mijeessuun akkasumas deeggarsa walirraa hin cinne taasisuun dandeettii daa’ima kanaa akka sadarkaa addunyaatti ifu taasiseera.

Imbaasichi ergaa baga gammaddanii dabarse keessatti Qaal gara fuulduraattis milkaa’ina kana caalaa akka galmeessisu hawwii qabu ibseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply