Finfinneen Awutobisoota Elektirikii babal’isuun tajaajila geejjibaa ammayyeessaa jirti

You are currently viewing Finfinneen Awutobisoota Elektirikii babal’isuun tajaajila geejjibaa ammayyeessaa jirti

AMN PLUS-Adoolessa 14/2018

Dhaabbanni Tajaajila Awutobisii Magaalaa Finfinnee guyyaatti tajaajilamtoota miliyoona 1.3 ta’aniif tajaajila kennaa jiraachuu hime.

Dhaabbatichi bara bajataa 2018’tti galmoota ijoo karoorfate % 98 akka milkeesse ibse.

Hojii gaggeessaa olaanaan Dhaabbata Tajaajila Awutobisii Magaalaa Finfinnee Obbo Akaaluu Asaffaa turtii AMN waliin taasisaniin dhaabbatichi guyyaatti tajaajilamtoota miliyoona 1.3 ta’aniif tajaajila kennaa akka ture ibsaniiru.

Dhaabbatichi rakkoowwan kanaan dura kenniinsa tajaajila danqaa turan, gufuuuwwan hojii raawwachiisummaa fi gurmaa’ina keessatti mudachaa turan furuuf riifoormii taasiseen jijjiirama guddaa galmeessuu akka danda’es Obbo Akaaluun himaniiru.

Kanaan dura harkifannaa fi addaan ciccitiinsa tajaajilaa irraa kana ka’ee dhaabbaticharratti uummanni komii kaasaa akka ture kan eeran Obbo Akaaluun, deggarsa bulchiinsi Magaalaa Finfinnee taasiseen qajeelfamoonni 12 diriirfamuun hojitti akka galamees dubbataniiru.

Dabalataanis, teeknooloojii deggaramuu fi humna namaa iddoo barbaachisutti fayyadammuun bu’aa gaariin argamuu kan eeran hogganaan kun, bara bajataa 2018’tti namoota duraan guyyaatti miliyoona 1.1 geejjibsiisu amma gara miliyoona 1.3tti guddisuun raawwii karoora duran %96 amma gara %98’tti ol guddisuu akka danda’ame ifoomsaniiru.

Qormaatawwan gurguddoo bara bajataa kanatti mudatan keessaa hanqinni dhiyeessii meeshaalee jijjiirraa alaa galaniifi daballii gatii boba’aa addunyaa isaan ijoo ta’uu himuun, rakkoolee kanas furuuf ogeeyyiin dhaabbatichaa kalaqa fi hojiiwwan haaraa hojjechuun furmaata argamsiisaa akka jiranis Obbo Akaaluun ibsaniiru.

Haaluma kanaan meeshaalee jijjiirraa salphumatti gabaarraa argachuun hin danda’amne ogeeyyota biyyaa keessaatiin oomishamuun Awutoobisiwwan 50 ol akka hin dhaabbannee taasiisuun akkasumas baasii mootummaan meeshaalee jijjiirraa alaa galchu birrii miliyoona 10tti siqu oolchuun akka danda’ames himaniiru.

Saffisni guddina magaalattii fi fedhii tajaajila geejjibaa dabalaa jiru guutuuf dhaabbatichi furmaata yeroo dheeraa qopheessuun hojjechaa jiraachuu kan eeran Obbo Akaaluun, baasii boba’aa hir’isuu fi faalama qilleensa naannoo eeguuf bulchiinsi magaalaa awutoobisoota elektirikii haaraa garaagaraa galchaa akka jiru kaasaniiru.

Bara bajataa itti aanu kanatti baay’ina awutobisoota elektirikii dabaluu, dandeettii suphaa guddisuun fi daandiiwwan konkolaataa babal’isuun tajaajila geejjibaa caalaatti mijataa ta’ee fi saffisaa ta’een kennuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Obbo Akaaluu Asaffaa turtii AMN waliin taasisanin mirkaneessaniiru.

Shuumii Badhaasootiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply