AMN PLUS – Adooleessa 15/2018
Ministira Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa walga’ii ariifachiisaa fayyaa Gamtaa Afrikaarratti hirmaachuuf gara magaalaa guddoo Gaanaa, Akiraa galaniiru.
Obbo Tamasgeen marsariitii hawaasummaa isaaniirratti ergaa maxxansaniin akka ibsanitti, Gaanaan biyya sochii Paan-Afrikaanizimii bu’eeressite keessaa tokko taatee fi biyya hogganaa beekamaa Paana-Afrikaanizimii Kiwaamee Nikuruumaa ta’uun beekamtuudha jedhan.
Walga’iin kun sirna tajaajila fayyaa Afrikaa fooyyessuufi akkasumas dhukkuboota daddarboo fi kan hin daddarbine ittisuu irratti tarkaanfiiwwan tarsiimoo murteessoo kaa’uuf kan qophaa’e yoo ta’u, dhimmoota kanneen irratti mariin bal’aan akka gaggeeffamu Obbo Tamasgeen ibsaniiru.
Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Akiraa yeroo ga’anittis, Ministeerri Dhimma Alaa Rippabiliika Gaanaa fi hojii gaggeessitoota mootummaa olaanoon simannaa ho’aa isaaniif taasisaniif galateeffataniiru.