AMN PLUS- Adoolessa 15/2018
Walwaraansa Sudaaniif furmaata Afrikaa barbaaduuf hojjechaa jiraachuu IGAD beeksise.
Dhaabbanni Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) rakkoo biyyattii bifa waaraan furuuf qaamolee fi dhaabbilee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibse.
IGAD, walga’ii marsaa 3ffaa Ergamtoota Addaa dhimma Sudaan irratti mari’atu Keeniyaa magaalaa Naayiroobitti gaggeessera.
Gaaga’ama Sudaan mudate furuuf tattaaffiwwan, tumsaa fi kallattii yeroo itti aanurratti mari’atameera.
Gaaga’amni biyyattii mudate furmaata waaraa akka argatu dhaabbilee naannawaa, idil addunyaa fi qooda fudhattoota waliin tumsaan hojjetamaa jiraachuu marichaan ibsameera.
Biyyoota miseensa dhaabbatichaa, Gamtaa Afrikaa fi Awurooppaa, dhaabbilee nageenya buusuuf hojjetan waliin tumsaan kan hojjetamu ta’uu mirkaneessuu isaa ragaan Sekretariyaatii IGAD irraa argame ni mul’isa.
Shuumii Badhaasootiin qindaa’e