Finfinneen haaraa fi hawwattuu taatee irra deebi’uun dhalachaa jirti- Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinnee

You are currently viewing Finfinneen haaraa fi hawwattuu taatee irra deebi’uun dhalachaa jirti- Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinnee

AMN PLUS – Adoolessa 15/ 2018

Pirojektoonni gurguddoon misooma koriidarii, haaromsa magaalaa fi misooma qarqara laggeen yeroo ammaa magaalaa keessatti hojjetamaa jiran bifa Finfinnee guutummaatti jijjiiruu Waajjirri Kantiibaa beeksise.

Daandileen ammayyaa hamma tokkoo gara kaaniitti diriiran, daandileen lafoo deemtootaa fi namoota biskileettiin socho’aniif mijatoo fi nageenya isaanii eegan, akkasumas iddoowwan magariisaa fi paarkileen ija namaa hawwatan Finfinnee daran miidhagsaa jiraachuu eere.

Bu’uuraalee misoomaa bal’aan kunneen bifa duraanii ishee jijjiiruun, jiraattota isheetiif mijattuu fi naannoo jireenyaa qulqulluu, mijataa ta’e akka taatu taasiseera.

Raawwii dinqisiisaan jijjiirama guddaa kana keessaa inni biraan ammoo misoomni haqa qabeessa ta’ee dhaqqabamaa ta’uu hime.

Misoomni kun iddoo tokko qofa irratti kan hin daangeffamne ta’ee, kutaa magaalaa fi naannolee hundatti walqixa dhaqqabaa jira. Kunis qabeenyaa fi misoomni haqa qabeessa ta’een raawwatamaa jiraachuu isaa ifatti agarsiisa.

Har’a Finfinneen giddugala dippilomaasii Afrikaa ta’uu ishee sirnaan mirkaneessitee, bu’uuraalee misoomaa sadarkaa idil-addunyaa guutan diriirsuun giddugala guddaa turizimii konfiransii taatee jirti jedheera.

Keessummoonni guguddoon addunyaa gara kana dhufan hedduun kan walitti qabaman, daldalaa, aadaa fi waljijjiirraa beekumsaatiin kan iftu, guyyaa fi halkan sochiin namootaa itti baay’atu, magaalaa jiraattuu taatee jirti.

Magaalaa guddoo kana kallattii hundaan dagaagdee fi miidhagdee arguun waloon nu boonsa.

Finfinnee keenya waliin eegnee, ol kaasnee fi caalaatti guddisuun dirqama seenaa keenya hundaati jedheera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply