Ibiddi Daaraa Dhalcha Nageenyi Ilma Dhalcha akkuma jedhamu, mariin nagaa, lolli badii malee bu’aan hin dhufu….

AMN PLUS-Adoolessa 15/2018

Ibiddi daaraa dhalchaa nageenyi ilma dhalchaa akkuma jedhamu lollii ibiddaan waa balleessuu malee nageenyaa homaatuu akka hin qabne waan adduunyaan keessa dabartee fi itti jirtu irraa hubachuun ni danda’ama.

Biyyoota nageenyi irraa fagaatee lolli itti hammaachuun sa’aa namni osoo hin hafin qabeenyi baay’een jala barbaada’e hedduun kanneen akka Sooriyaa,Yaman, Sudaan,Liibiyaa, Yukireenii fi kanneen biroo akka fakkeenyatti kaasuun ni danda’ama.

Biyyi Itoophiyaas dur irraa jalqabee waraanaa adda addaa keessa darbuu ishee odeeffannoowwan seenaa irratti barreeffaman ni agarsiisu.

Lammiilee Itoophiyaa birmadummaa biyya isaanii tikfachuuf koloneeffattoota waliin qabsoo hadhooftu gaggeessuun seenaa uummata gurraachaa biratti fakkeenya guddaa qabatanis rakkoolee fi siyaasa walxaxaa biyya keessatti uumamaniin aarsaa guddaa kaffalaa akka turan seenaawwan ni mul’isu.

Waggoota muraasa dura gareen seeraan alaa TPLF Ajaja Kaabaa isa eegu halkan haleeluun lola kaabaa Itoophiyaatti baneen lubbuun namoota baay’ee fi qabeenyi akka barbaadaa’e seenaa yeroo dhiyootti agarsiisa.

Lolli kunis dhiitta mirga namoomaa fi bu’uuraalee misoomaa baay’ee kan mancaase yoo ta’u, osoo lolli miidhaa hamaa hin qaqqabsiisin mariin nageenya hawwii dhalootaa ta’e kana fiduuf dursanii ittisuun gaaffii saffisaan deebii barbaadu akka ta’es akeekameera.

Ministirri Muummeen kitaabaa isaanii “Mootummaa Ida’amuu” keessatti akka barreessanitti moo’amuu fi mo’uun amala waranaa ta’us, miidhaa waranni qaqqabsiisu dursanii ittisuuf hagam tasa uumame?, hagam mariin hiikuuf yaalame?, furmaata biraa hin qabuu? Gaafiilee jedhaman kaasaniiru.

Sababoota Itoophiyaa yeroo hunda gara waraanaatti galchu qorannoo fi deebii bal’aa kan barbaadan ta’us, garaagarummaa gara waraanaatti nama geessu marii fi araaraan hiikuun lubbuu namaa du’a irraa, qabeenya immoo badiinsa irraa baraaruun furmaata guddaa fi filannoo hin qabne ta’uu isaa hubachuun barbaachisaa akka ta’es ifaadha.

Sababa garaagarummaa mariidhaan furamuu danda’uunis ta’e salphaatti waliigaltee hin argamsiisneen yeroo hunda hidhannoo kaasuun wal waraanuu, wal ajjeesuu fi qabeenya barbadeessuun bu’aa utuu hin taane miidhaa qofa akka qabu akkuma jechama hawaasaa ibiddi daaraa dhalchaa nageenyi ilma dhalacha jedhamu san Itoophiyaanonni kan hubatanii mari’achaa jiru.

Yeroo ummanni Itoophiyaa hundi boqonnaa waraanaa cufee dhaloota dhufuuf biyya nagaa fi misoomni keessatti mirkanaa’e ijaaruuf marii geggeessaa jirutti, gareen seeraan alaa TPLF garuu gareewwan biroo Itoophiyaa morman waliin ta’uun waraana haaraa jalqabuuf qophii taasisaa jiraachuunis eerameera.

Yeroo dhalattootni naannoo Tigraay biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan hedduun nageenya barbaachaaf sagalee isaanii dhageessisaa jiranitti gareen seeraan alaa TPLF dargaggoota ukkamsee waranaaf leenjisaa kan jiru waa hundaaf furmaanni waraana qofa jechuun amanaa akka jiranis ibsameera.

Mootummaa dabalatee uummanni naannoo Tigraay fi Itoophiyaanonni guutuun waamicha nageenyaa dhiyeessaa yeroo jiranitti TPLF maaliif ammas waraana filate? kan jedhu gaaffii kaasuus, Namoonni biyya alaa ykn magaalota gurguddoo keessatti nageenyaan jiraatanii waraana jajjabeessan maatii garee seeraan alaa TPLF moo dargaggoota Tigraay waraanaan miidhaman kan jedhu gaaffii hubatamee ilaalamu qabu akka ta’es ibsameera.

Shuumii Badhaasootiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply