
AMN PLUS – Adoolessa 16/2018
Hoggantoonni olaanoon sadarkaa Waajjira Olaanaa Paartii Badhaadhinaa fi waajjiraalee damee naannolee irraa dhufan, pirojektoota misooma qarqara lagaa magaalaa Finfinneetti saffisaan ijaaraman kan Inxooxxoo – Qabbanaa’aa daawwataniiru.
Daawwannicharratti Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi Hogganaan Waajjira Olaanaa Paartichaa Obbo Aadam Faaraah, akkasumas hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa, Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi mootummaa naannolee hirmaataniiru.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee mul’anni Paartii Badhaadhinaa hojii qabatamaatti jijjiiramaa waan jiruuf, magaalaan keenya bareedduun yeroo hunda haaromaa fi guddachaa jirti jedhaniiru.

Finfinneen mallattoo milkaa’ina Paartii Badhaadhinaa ta’uu ibsanii, hojii cimaan yoo itti fufne injifannoowwan haaraa fi guguddoo ni galmeessina jedhaniiru.
Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee Obbo Mogas Baalchaan gama isaaniin, pirojektoonni misooma qarqara lagaa bifa magaalaa jijjiiruu qofa osoo hin taane, sadarkaa jireenyaa uummataa ol kaasuu keessatti gahee guddaa qabaachuu isaanii ibsaniiru.

Hoggantoonni kunneen pirojektii misooma qarqara lagaa Inxooxxoo-Qabbanaa’aa kan dheerinni isaa kiiloo meetira 10.5 ta’e daawwachuu odeeffannoon Waajjira Kantiibaa irraa arganne ni mul’isa.
Pirojektichi iddoowwan magariisaa, iddoo taphaa daa’immanii, iddoowwan ispoortii dargaggootaa, suuqota, kaafteeriyaawwan, mana kitaabaa, akkasumas Hidha Bishaan Kuusaa Qabbanaa’aa kan bakka bashannanaa jiraattota magaalattii keessaa tokko ta’e fi tajaajiloota uummataa garaagaraa of keessatti hammata.