
AMN PLUS- Adoolessa 16/2018
Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan Walga’ii Addaa Damee Fayyaa Hoggantoota biyyoota Gamtaa Afrikaa Gaanaatti gaggeeffamaa jiru cinatti Pirezidaantii Rippabiliika Gaanaa Joon Diraamaanii Mahaamaa waliin mari’ataniiru.
Marii Masaraa Jubiilii Haawus keessatti gaggeeffamaa kanaan dhimmoota hariiroo biyyoota lameenii fi dhimmoota waliigalaa ardii irratti marii bu’a qabeessa taasisne jedhan Obbo Tamasgeen.
Itoophiyaan hariiroo seenaa dheeraa fi cimaa Gaanaa waliin qabdu, kan yeroo sochii Paan-Afrikaanizimii irraa jalqabee tureef iddoo guddaa akka kennituu Obbo Tamasgeen himaniiru.
“Marii keenya keessatti ijaarsa gamoo Imbaasii Gaanaa kan Finfinneetti argamu xumuramuu isaa, mallattoo michummaa fi hariiroo hin sochoone biyyoota lameenii ta’uu isaa kaasneerra.l” jedhan.
Pirezidaanti Mahaamaan Itoophiyaan akkuma duraanii mallattoo bilisummaa fi tokkummaa Afrikaa taatee itti fufte, yeroo ammaa immoo sagantaa Ashaaraa Magariisaa fi dameewwan misoomaa biroo keessatti jijjiiramaafi milkaa’inoota jajjabeessoo galmeessaa jirti jechuun dinqisiifannaa isaanii ibsaniiru.
Qophiin Itoophiyaan Foramii Xaanaa yeroo 12ffaaf gaggeeffamu qopheessuuf taasisaa jirtu kan nama jajjabeessu ta’uu Mr. Mahaamaan ibsaniiru.
“Akkasumas hojii hoggansa olaanaa Boordii Foramichaa keessatti taasisaa jiran irratti galata guddaa fi kabajaa keenya isaaniif ibsineerra” jechuun Obbo Tamasgeen miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.