
AMN PLUS – Adoolessa 16, 2018
Hariiroon dippilomaasii Gibxi Taanzaaniyaa waliin tibbana cimsaa dhufte tumsa Pirojektoota Hidha Anniisaa Laga Naayil irratti hojjetamu kan dabalatedha.
Maarree tumsi hidha deeggaruurra darbee pirojekticha Gibxi Taanzaaniyaa harkaa fudhachuun ofiifuu ijaaruuf ishee gahe Kun gaaffii ka biraa kaasisa.
Mormiin Kaayiroon Pirojektii Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa irratti agarsiistu nageenya bishaanii qofa moo dhimma tarsiimoo fi olaantummaa siyaasa naannawaa guddaa hawwuuti? gaaffiin jedhu amma sirriitti mul’achuu eegaleera.
Rakkoon guddaan hidha ijaaruu miti; Itoophiyaan biyya madda laga Naayil irratti humna guddaa taatee dhiibbaa fi misooma naannichaa jijjiiruu dandeessu ta’uunishee Gibxiif yaaddoo guddaa ta’eera.
Kanaaf mul’istuu guddaan ammoo Itoophiyaan karra galaanaa dogoggora seenaatiin dhabde deebifachuuf karaa nagaan gaaffiin dhiyeessite akka hin milkoofneef yaaliin isheen gootu agarsiistuu tokkodha. Itoophiyaan karra galaanaa argachuun Gibxiin waan miidhu takkallee hin qabu. Garuu Itoophiyaan yoo karra argatte saffisaan guddattee Baha Afriikaafi guutummaa Afriikaa irratti biyya siyaas-diinagdee caalmaan dursitu akka taatu Gibxi waan beektuuf yaaddofti.

Hidhi Haaromsaa pirojektii maddisiisa humna elektirikii Afrikaa keessaa isa guddaa ta’uunsaa Gibxiif mata dhukkubbii biraati.
Pirojektiin kun hojii misoomaa biyyaalessaa Itoophiyaa keessatti milkaa’ina guddaa argamsiise isa ijoo ta’uurra darbee Baha Afriikaa anniisaadhaan walitti hidhaa jiraachuu ijasheen arguun ishee dhukkubsa.
Pirojektiin kun humna ibsaa babal’isuun, industirii saffisiisuu fi walitti hidhamiinsa humna ibsaa naannichaa guddisuuf kan kaayyeffate ta’uunsaa, qabeenya uumamaa ishee fayyadamuun misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf kutannoo Itoophiyaan qabdu calaqqisiisa.
Humna maddisiisuu meegaa waattii kuma 5,150 ol qabuun, lammiilee miliyoonaan lakkaa’amanif ibsaa qulqulluu fi haaromfamaa dhiyeessuun alatti, biyyoota ollaaf humna ibsaa erguun walitti hidhamiinsa dinagdee naannichaa cimsuuf gargaara.
Pirojektoota guguddoo Afrikaa hedduu irraa haala adda ta’ee, GERD maallaqa mootummaa fi gumaacha uummata Itoophiyaatiin ijaarame waan ta’eef, mallattoo tokkummaa, of danda’uu fi kutannoo uummataa ta’eera. Faayinaansii Idil-addunyaa kan dhorkisiise Gibxi ta’uu quba qabaadhaa.
Faayidaa dinagdee isaa qofa osoo hin taane, fayyadama walqixxaa fi sirrii bishaan laga Abbayyaa irratti marii geggeeffamu keessatti iddoo olaanaa qabaachuun, biyyoonni bishaan kana waliin qooddatan hundi qabeenya bishaanii daangaa ce’u irraa faayidaa walqixxaa akka argatan jalqaba kan karaa saaqxe Itoophiyaa dha.

Bishaan humna ibsaa maddisiisee erga taarbaayiinii keessa darbee booda gara lagaatti deebi’u waan ta’eef, yaa’iinsa bishaan gara biyyoota gadiitti darbu irratti dhiibbaa hin qabu jechuun mootummaa Itoophiyaa ibsaa tureera.
Abbayyi Itoophiyaa keessaa maddu laga Naayiliif bishaan %85 akka kennu osoo beeknuu kennaa uumamaa keessaniin hin misoominaa jedhee humna alaa ajaju tokkollee dhagahuu dhiisuun milkiirra gahuunshee kun isaaniif hin liqimfamne.
Biyyoonni laga waliin qooddatan hundi seera idil-addunyaa fayyadama walqixaa fi sirrii akkasumas miidhaa guddaa hin geessisne jedhu irratti hundaa’uun mirga walqixxaa akka qaban Itoophiyaatu ejjennoo cimaa qabatte. Waliigaltee bishaan Naayil bara 1929 fi 1959 yeroo koloneeffannaa mallatteeffaman kufaa taasiste.
Garuu adda addummaa jiru mootummaan Itoophiyaa marii, iftoomina fi furmaata Afrikaan durfamu Tokkummaa Afrikaa jalatti deeggaruun itti fufa jechuun ibsee, GERD misooma waloo jedhu malee biyyoota gadi yaa’an miidhuuf akka hin ijaaramin irra deebi’ee ibseera.

Gama biraatiin, Gibxi guutinsa fi hojii hidhichaa to’achuuf waliigaltee seeraan dirqisiisu barbaachisaa ta’uu ibsuun Hidha ofiifuu mormaa turte to’achuu feete.
Yeroo Gibxi biyyoota madda Naayil kanneen akka Taanzaaniyaa fi Sudaan Kibbaa waliin pirojektoota bishaanii fi bu’uuraalee misoomaa cimsitu kanatti, harka biraan ammoo Hidha Haaromsaa nageenya bishaanii koof balaa qaba jechuunshe waan deemsisu hin taane.
Xiinxaltoonni Itoophiyaa gaaffii guddaa kaasu: Yoo misoomni bishaanii biyyoota biroof fudhatama qabaate, maaliif Itoophiyaan mirga fayyadama qabeenya bishaanii irraa dhorkamti?
Mormiin Gibxi hidha Haaromsa irratti agarsiistu dhugumaan nageenya bishaanii qofaadhaa? Maaliif pirojektiin humna ibsaa Itoophiyaa haala adda ta’een ilaalama? kunneen gaaffiwwan ka’uu malaniidha.
Tagany Bafiqaaduutiin Qindaa’e