AMN PLUS-Adoolessa 16/2018
Ministirri Muummee duraanii Ingiliz Toonii Bileer Artefishiyaal Intalijansii Itoophiyaa daawwatan.
Hoggantoonni olaanoon Inistiitiyuutii Artifishaal Intalajensii Itoophiyaa fi Inistiitiyuutii Toonii Bileer dhimmoota waliin hojjechuu danda’an irratti marii bal’aa taasisaniiru.
Daayirektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Artifishaal Intalijensii Itoophiyaa Dooktar Warquu Gaachanaa deeggarsa Inistiitiyuutiin Toonii Bileer imala dijitaalaayizeeshinii Itoophiyaaf taasisaa jiruuf galateeffataniiru.
Fuuldurattis, misoomaa fi hojii irra oolmaa teeknooloojii Artifishaal Intalijensii Itoophiyaa sadarkaa olaanaatti ceesisuuf tumsaan hojjechuuf cimsanii kan itti fufan ta’uu ibsaniiru.

Hundeesaa fi Dura Taa’an Inistiitiyuutii Toonii Bileer Ministirri Muummee duraanii Ingiliz Toonii Bileer Artifishaal Intalajensiin tajaajila mootummaa ammayyeessaa jiraachuu ibsuun, Inistiitiyuutiin isaanis Itoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf kutannoo guutuu qabaachuu isaa kaasaniiru.
Dhaabbileen lamaan misoomaa fi hojiirra oolmaa teeknooloojii AI Itoophiyaa mirkaneessuuf tumsaan haala itti fufiinsa qabuun cimsanii kan hojjetan akka ta’e ibsamuu isaa ragaan Inistiitiyuuticharraa argame ni mul’isa.