AMN PLUS – Adoolessa 17/2018
Ergaa Kantiibaa Adaanech Abeebee
Har’a Dhaabbata “Namootarraa Namootaaf” waliin ta’uun, biyya keenya keessatti yeroo jalqabaaf Kolleejjii Poolii Teeknikaa Ismaartii ijaaramu jalqabsiifneerra.
Kolleejjiin Poolii Teeknikaa Smart kun yeroo ijaarsi isaa xumuramu, dargaggoota dameewwan manufaakchariingii, otoomootiivii, elektiriikaa fi elektirooniksii, koominikeeshinii, teekistaayilii fi teeknooloojii CNC irratti leenjii hojii irratti xiyyeeffate, teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun ni kenna.

Biyya misoomsuu fi hiyyummaa keessaa bahuun barnoota yaada qofa irratti hundaa’een qofa galma ga’uu waan hin dandeenyeef, humna namaa yaada uumuu danda’uu fi harka hojii hojjechuu danda’u walitti makuun ijaarame qabaachuun baay’ee barbaachisaa dha.
Pirojektiin har’a jalqabne kun damee barnoota teeknikaa fi ogummaa keessatti dargaggoota keenya hojii barbaaddota irraa gara hojii uumtootaatti, yaada irraa gara hojii qabatamaatti ceesisuuf, akkasumas carraa hojii haaraa uumuuf riqicha ogummaa ta’ee tajaajila.

Ijaarsi kolleejjii kanaa qulqullinaan fi yeroo isaaf ramadame keessatti xumuramee tajaajilaaf akka qophaa’u xiyyeeffannoo addaan isa hordofna.
Akkasumas, pirojekticha kan waliin ijaaru michuu misoomaa yeroo dheeraa kan ta’e Dhaabbata Namootaarraa Namootaaf fi qonnaan bultoota hojii dhaloota irraa dhalootatti ce’u kanaaf lafa isaanii pirojektichaaf gadhiisan maraaf, maqaa kootiinis ta’e maqaa dargaggoota irraa fayyadaman hundaan galata koo guddaa dhiyeessa.
Waaqni Itoophiyaa fi uummattoota ishee haa eebbisu!