AMN PLUS- Adoolessa 17/2018
Yaa’iin Hawaasa Idil-Addunyaa yeroo jalqabaaf dachee Afrikaarratti qophaa’e Adoolessa 22 fi 23 Finfinneetti adeemsifama.
Dhaabbatni Yaa’ii Hawaasa Idil-Addunyaa dhimma kana ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kenneera.
Dhaabbatichatti Gorsituun Dura Taa’aa Mana Maree waliigalaa Yaaniinaa Dubeykovkayaa akka ibanitti Yaa’iin kun qaamolee idil-addunyaa adda addaa walitti fiduun yaada waliif qooduu, walta’iinsa cimaa uumuu fi dhimmoota bu’uuraa dinagdee, teeknooloojii, hawaasummaa fi misoomaa addunyaa irratti furmaata barbaaduuf kan yaadameedha jedhan.

Yaa’ii kana irratti hoggantoonni mootummaa, dippiloomaatonni, invastaroonni daldalaa, kalaqxoonni, hayyoonni, bakka bu’oonni hawaasa siivikiifi ogeeyyiin miidiyaa guutuu Afrikaa fi kutaalee addunyaa biroo irraa dhufan 700 ol ta’an kan hirmaatan ta’uus ibsaniiru.
Yaa’iin kun yeroo jalqabaaf ardii Afrikaatti kan gaggeeffamu yoo ta’u, Finfinfinneen yeroo jalqabaaf akka keessummeessituuf filatamtee jirti.
Yaa’ii kanaan sagantaaleen gara garaa kan adeemsifamu yoo ta’u agarsiifni aartii ammayyaa idil-addunyaa, aartistoota beekamoo biyyoota Afrikaa 16 hirmaachise ni adeemsifama jedhameera.
Geetaahun Katamaatu Gabaase.