AMN PLUS- Adoolessa 17/2018
Dhimmi ulaa Galaanaa Diimaa argachuu Itoophiyaa yeroo ammaa dhimma dippilomaasii fi tarsiimoo irratti bal’inaan mari’atamaan keessaa isa ijoodha.
Itoophiyaan fedhii ulaa galaanaa karaa nagaa fi marii irratti hundaa’uun galmaan ga’uuf hojii hojjechaa akka jirtu irra deddeebi’uun ibsaachaa jirti
Itoophiyaan teessuma lafaatiin Galaana Diimaatti dhihoo taatus, yeroo ammaa ulaa galaanaa ofii kan hin qabne, duraan buufata galaanaa naannichaa fayyadamuun daldalaa fi walqunnamtii idil-addunyaa gaggeessaa akka turte seenatu dubbata.
Ertiraan osoo biyya hin ta’in dura Itoophiyaa fi Ertiraan mootummaa tokko jalatti bulaa kan turan yoo ta’u, erga Ertiraan walabummaa argattee booda hariiroon biyyoota lameenii yeroo gara yerootti jijjiiramaa dhufeera.
Jijjiiramni akkuma dhufeen Itoophiyaan waloon guddachuuf hariiroo Ertiraa cimsuuf yaalii gootus, dhimmichi osoo hin turin dhimma araara Piriitooriyaatiin Ertiraan gara mufannaatti seente.

Itoophiyaan waan qabdu kennuun waan hin qabnee ammoo biyyoota ollaarraa qooddachuuf haala faayidaa biyyoota lameenii eegeen fayyadamuu barbaaddus Ertiraan firooma hin barbaadu jechuun daandii jeequmsa filatteerti.
Ijiptii fi Sudaan firooma Itoophiyaa fi Ertiraa kan hin barbaannee naannoo galaanaa Diimaatti nageenya fi tasgabbii akka hin uumamneef yeroo garaagaraatti hokkara kaasaa oolu.
Ollaan nama araarsa jennaan kan walitti nama naquu inaaffaa yoo ta’e malee wanni isaan miidhaman tokkollee kan hin jirree Ijiptii fi Sudaan nageenya Itoophiyaatiif ciisa dhabuun gartuu faallaa nageenyaa deeggaraa akka jiran ni mul’atu.
Haata’u malee Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf tattaaffii taasiftu cinatti biyyoota ollaa akka Jibuutii, Somaaliyaa, Keeniyaa fi mootummoota Arabaa hedduu waliin hariiroo dippilomaasii, daldalaa fi invastimantii cimsaa jirti.
Kunis walitti hidhamiinsa dinagdee fi nageenyaa naannichaa guddisuuf bu’uura ta’aa kan jiru yoo ta’u, furmaanni isaas karaa nagaa, marii fi waliigaltee waloo irratti hundaa’uun qofa akka milkaa’u mootummaa fi ogeeyyiin dhimma kana irratti ibsa bal’aa kennaa turaniiru.
”Ni turra malee ni urraa jette bombiin” akkuma jedhamuu gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaan kaasaa jirtu cimee itti fufaa jira.
Shuumii Badhaasootiin Qinda’aa