
AMN PLUS- Adoolessa 18/2018
Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Piroofeesar Masfin Ar’aayaan yaadotni gareewwan miseensa 10 qabaniin burqan waltajjii tokkootti qindaawanii, maree dabalataaf walitti qaboota fi gabaastota isaaniitiin gara gareewwan maree miseensa 50 qabanitti dhihaachaa jiraachuu beeksisaniiru.
Adeemsi kun yaaddawwan, hawwii fi yaadonni gareewwan miseensa 10 keessatti ka’an faca’uu mannaa haala walgitaa fi bal’aa ta’een akka eegaman ta’ee bocamuu himan.
Kunis maree bal’aa ta’eef gumaacha hiika qabu fi haala gaariin gurmaa’e akka ta’an isaan dandeessisa jedhaniiru.
Komishinarichi akka jedhanitti, mala haala gurmaa’een diriire kun hirmaattonni haala bu’a-qabeessa ta’een akka hirmaatan gargaaruu bira dabree, sagaleen hundaas akka dhaga’amuuf carraa uumeera.
Adeemsi hanga ammaatti jirus haala gaarii irra akka jiru kaasuun adeemsi marii kan cimu namoonni soda tokko malee wayita miira isaanii ibsatan ta’uus eeraniiru.
Tagany Bafiqaaduutiin Qindaa’e