Waraqaa Ragaan Qofa Osoo Hin Taane, Harka Hojjetuu fi Sammuu Kalaqaa Horanna – Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Waraqaa Ragaan Qofa Osoo Hin Taane, Harka Hojjetuu fi Sammuu Kalaqaa Horanna – Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS– Adoolessa 18, 2018

Magaalaa Finfinneetti, dargaggootaaf carraa bal’aa beekumsaa fi ogummaa uumuuf kan qophaa’e, koolleejii Poolii Teekiniikaa Ismaartii ammayyaa gosa isaatiin yeroo jalqabaaf ijaaramuuf jedhuuf sirni hojii ijaarsaa jalqabsiisuu Kantiibaa Adaanech Abeebeen gaggeeffameera.

Wiirtuun ammayyaa kun bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi dhaabbata tola ooltummaa Namootaaf Namootaan walta’iinsaan kan ijaaramu ta’uun ibsameera.

Sirna kanarratti haasaa kan taasisan Kantiibaa Adaanech Abeebee akka jedhanitti, wiirtichi dargaggootaaf barnoota yaad-rimee qofa kennuu fi waraqaa ragaa laachuu irra darbee, ofitti amanamummaa kan cimsu, ogummaa hojii qabatamaa kan gonfachiisu fi sammuu kalaqaa horatu kan ijaaru wiirtuu kalaqaa ta’a.

Dabalataanis, biyya misoomsuu fi hiyyummaa keessaa bahuun barnoota yaad-rimee qofaan milkaa’uu akka hin dandeenye ibsanii, koolleejichi yeroo hojii jalqabu dargaggoota hojii barbaaddota irraa gara hojii uumtotaatti, akkasumas yaad-rimee irraa gara hojii qabatamaatti ceesisuuf akka riqicha ogummaa ta’u himaniiru.

Koolleejiin kun dameewwan manufaakchariingii, ootomootiivii, elektirooniksii, qunnamtii fi teekistaayilii keessatti leenjii hojii irratti xiyyeeffate ni kenna.

Kantiibaan Adaanech Abeebee dargaggoonni yeroo isaanii miidiyaa hawaasummaa irratti qisaasessuu irra, dammaqanii ciminaan hojjechuun carraalee isaanii kana sirnaan akka fayyadaman waamicha dhiheessaniiru.

Akkasumas dargaggoonni sammuu isaanii fi harka isaanii walitti qindeessuun badhaadhina Itoophiyaa boruuf qofa osoo hin taane, har’as ofiif fayyadamoo ta’anii hojii dhaloota itti aanuuf darbu hojjechuuf carraan bal’aan banamuu isaa ibsaniiru.

Tajaajilli wiirtichaa akka waaraa ta’uuf qaamoleen hundi walta’iinsaan hojjechuu isaanii cimsanii akka itti fufan jechuun dhaamaniiru.

Tagany Bafiqaaduutiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply