AMN PLUS- Adoolessa 20/2018
Itoophiyaan Simpooziyeemii Lojistikii fi Koominikeeshinii Afrikaa bara 2026, adda ta’eefi ogeeyyii hedduu hawwatu, Adoolessa 20 irraa eegalee hanga Adoolessa 25’tti Finfinneetti keessummeessiti.
Simpooziyeemii kana irratti biyyoonni 40 fi dhaabbileen idil-addunyaa gurguddoon damee industirii 26 ni hirmaatu jedhamee eegama.
Qophii kana ilaalchisee Daarektarri Olaanaan Hariiroo Alaa fi Tumsa Waraanaa Ministeera Raayyaa Ittisaa Meejer Jeneraal Tashoomaa Gammachuu fi Daarektarri Lojistikii Ajaja Waraana Ameerikaa Damee Afrikaa Birgaadeer Jeneraal Pool Firiik ibsa miidiyaaf kennaniiru.
Meejer Jeneraal Tashoomaan akka jedhanitti, Itoophiyaan simpooziyeemii guddaa kana keessummeessuuf filatamuun ishee nagaa naannichaaf gumaacha taasifte, hojii misoomaa galmeessite, guddina saffisaa Finfinneen agarsiisaa jirtu fi dandeettii isheen walga’iiwwan idil-addunyaa keessummeessuuf qabdu irraa kan madde ta’uu ibsaniiru.

Simpooziyeemiin kun tumsa Itoophiyaa fi Ameerikaa gidduu jiru cimsuu qofa osoo hin taane, dhaabbilee ittisaa Afrikaa gidduutti waljijjiirraa muuxannoo fi tumsa waloo cimsuuf waltajjii murteessaa ta’uu himaniiru.
Daarektarichi akka ibsanitti, dameewwan lojistikii fi koominikeeshinii hojii waraanaa fi hojii nageenyaa kamiyyuu keessatti milkaa’inaaf bu’uura waan ta’aniif, muuxannoo waljijjiiruun, hojii gaarii irraa barachuun fi rakkoolee fuulduraa irratti furmaata waloo barbaaduuf carraa guddaa uuma jedhan.
Akkasumas muuxannoo fi beekumsi biyyoota michoota ta’anii humna lojistikii fi koominikeeshinii Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa guddisuuf gumaacha olaanaa akka qabu ibsanii, Itoophiyaanis muuxannoo ishee qooduun nageenyaa fi tasgabbii Afrikaaf gumaacha ishee daran akka cimsitu himaniiru.
Daarektarri Lojistikii Ajaja Waraana Ameerikaa Damee Afrikaaf (AFRICOM) Birgaadeer Jeneraal Pool Firiiks gamasaaniin, Ameerikaan Itoophiyaa waliin ta’uun simpooziyeemii kana qopheessuun isaaniif gammachuu fi kabaja guddaa ta’uu himuun, qophii milkaa’aa Itoophiyaan taasifte dinqisiifataniiru.

Konfiransichi tumsa Ameerikaa fi Afrikaa gidduu jiru damee lojistikii fi koominikeeshiniitiin sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta’uu eeraniiru.
Guyyoota itti aanan keessatti biyyoonni hirmaatan dandeettii isaanii gama lojistikii fi koominikeeshiniitiin ni madaalu; hanqinootaa fi qormaata jiran waliin adda baasuun furmaata waaraa irratti ni hojjetu jedhaniiru.
Simpooziyeemiin kun torban hojii bu’a qabeessa, tumsa, kalaqaa fi barnoota waloo irratti kan hundaa’e akka ta’u amantaa qaban isaanii, waliin hojjechuun hariiroo cimaa ijaaruun dandeettii biyyootaa guddisuu fi nageenyaa fi badhaadhina caaluuf bu’uura kaa’uun akka danda’amu himuu Odeeffannoon Miidiyaan Dijitaalaa Raayyaa Ittisaa AMN’f erge ni mul’isa.
Itoophiyaan waltajjii guddaa Afrikaa akkasii keessummeessuuf filatamuun ishee Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa fi guutummaa biyyattiif kabaja guddaa ta’uu ibsanii, milkaa’ina kanaaf mootummaa, hoggantoota Raayyaa Ittisaa fi Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiif galata isaanii dhiyeessaniiru.