AMN PLUS- Adoolessa 20/2018
Ministeerri Galiiwwanii bara baajataa 2018’tti mardeen galii gara garaa irraa birrii tiriiliyoona 1.5 ol sassaabuu ibse.
Gamaaggamni raawwii hojii bara baajataa 2018 Ministeerichaafi Komishinii Gumruukaa gaggeeffamaa jira.
Galiin kun taaksii biyya keessaa, daldala el-ergii, qaraxaafi taaksiin irraa kan argame ta’uu himame.
Ministirri Galiiwwanii Ayinaalam Nugusee waltajjicharratti akka jedhanitti, bara baajatichaatti hojiileen adeemsa sassaabbii galii guddisan hedduun hojjetamaniiru.
Dandeettii galii guddisuuf hojiileen bu’uuraalee misoomaa taaksii babal’isuu, bulchiinsaafi imaammata taaksii fooyyessuu akkasumas kenniinsa tajaajilaa teeknooloojiin deeggarame hojiirra oolchuu hojjetamaniiru jedhan.
Bara baajataa 2018’tti galii Birrii tiriiliyoona 1.28 sassaabuuf karoorfamee karooraan ol Birrii tiriiliyoonni 1.5 ol sassaabamuu eeraniiru.
Galiin bara baajataa 2018 argame kan bara 2017 waliin yoo madaalamu guddina %68.69 argisiisuu ibsuu FMC’n gabaaseera.