Tajaajilli tola ooltummaa gannaa hirmaannaa lammummaa fi tokkummaa biyyaa cimsaa jira

AMN PLUS- Adoolessa 20/2018

Tajaajilli tola ooltummaa gannaa duula biyyaalessaa waggaa waggaadhaan gaggeeffamu yoo ta’u, lammiileen hedduun hojiiwwan tola ooltummaa garaagaraa irratti hirmaachuudhaan uummata isaanii fi biyya isaanii tajaajilaa jiru.

Tajaajilli tola ooltummaa gannaa kunis Ministira Muummee Dooktar Abiyyi Ahimadiin haaromsa manneeniin kan jalqabame yoo ta’u, kaayyoon isaa inni guddaan aadaa hojii tola ooltummaa cimsuu fi tokkummaa hawaasaa cimsuu akka ta’ees bu’aan isaarra argame ni mul’isa.

Sagantaan kunis lammiileen beekumsa isaanii, yeroo isaanii fi humna isaanii rakkoo hawaasaa furuuf akka oolchaniif kan jajjabeessu akka ta’es hubatameera.

Qindoominni hirmaannaa uummataa kunis waamicha hojii misoomaa mootummaa Ida’amuu deeggaruu alattis, duudhaa wal deeggarsaa, wal tumsuu fi tokkummaa Itoophiyaa cimsuuf shoora olaanaa kan qabu ta’uus ifoomeera.

Tajaajilli tola ooltummaa gannaa bara kanaas Waxabajjii 11 bara 2018, Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Gooroo keessatti ifatti kan jalqabame yoo ta’u, sagantaan kunis hojii misooma koriidarii baadiyyaa mootummaan jalqabsiiseen manneen jireenyaa haaraa 20 ijaaruu of keessatti kan hammateedha.

Sagantaa bara kanaatiin lammiileen miiliyoonaan lakkaa’aman, keessattuu dargaggoonni, hawaasa humna hin qabnee fi galiin isaanii gadi aanaa ta’eef manneen haaromsuu fi ijaaruu, biqiltuu dhaabuu, naannoo kunuunsuu, tajaajila yaalaa keessatti deeggarsa gochuu fi hojiiwwan tola ooltummaa biroos hojjechaa kan jiran ta’uu ibameera.

Magaalaa Finfinneettis jiraattonni, keessattuu dargaggoonni hirmaannaa bal’aa taasisuun tajaajila tola ooltummaa gannaa kana karaa qindaa’aa ta’een raawwachaa jiru.

Shuumii Badhaasootiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply