AMN PLUS- Adoolessa 22, 2018
Yaa’iin guddichi marii biyyaalessaa seenaa qabeessa ta’eefi dhimmoota ijoo gama siyaasaa, qoqqoodamiinsa seenaan walqabataniifi rakkoolee yeroo dheeraaf biyyattii keessatti hidda gadi fageeffataniif ka’umsa ta’aniif furmaata waaraa barbaaduuf kaayyeffate cimee itti fufeera.
Yaa’ichaan nageenya itti fufiinsa qabuuf bu’uura cimaa kaa’uuf, tokkummaafi araara biyyaalessaa fiduuf kan kaayyeffate, Adoolessa 8,2018 magaalaa Finfinnee, Giddugala Konveenshinii Idil-addunyaa Addisitti eegalame yaadotni addaa addaa irratti dhagahamaa jira.
Adeemsi marichaas, bakka bu’oota kuma afurii ol kanneen naanoolee biyyattii bakka garaa garaa irraa walitti dhufan kan hirmaachisedha.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaas adeemsa kana qopheessee bilisummaadhaan hoogganaa jira.
Yaa’iin eegalame kunis, adeemsa nageenyaa waaraa ta’e mirkaneessuu keesaatti boqonnaa haaraa kan saaqedha jedhamee amanama.
Kunis Komishinii Marii Biyyaalessaa kan adeemsa mariichaa hirmaachisaafi dhimmoota seenaadhaan Itoophiyaa keessatti qoodaminsa fidan irratti waliigalteen akka uumamamuuf haala mijeesuuf Mudde 20, 2014 bilisa ta’ee labsiidhaan hundaa’een gaggeeffamaa jira.
Yaa’iin waliigalaa kun kan eegalame erga mariin hawaasaa bal’aan sadarkaa biyyaatti taasifamaa tureen ajandaan sassaabamee booda dha.
Mariin ajandaa qindeessuu aanaalee biyyattii kuma tokkoofi 200 ol keessaatti kan gaggeeffame yoo ta’u, lammiilee kuma dhibba lamaa ol kanneen qaamolee siyaasaa, hawaasaa, aadaafi amantaa bakka bu’an irraa galteen yaadaa walitti qabameera.
Mariin waggoota afran darban keessa sadarkaa hawaasaatti gaggeeffame, yaa’ii waliigalaa marii biyyaalessaa yeroo ammaa magaalaa Finfineetti taa’amaa jiruuf bu’uura cimaa kaa’eera.
Mariiwwan kunneen, bakka bu’oota paartilee siyaasaa, dhaabbilee siivikii, abbootii gadaa, jaarsolii biyyaa, dubartoota, dargaggootaafi qaamolee hawaasaa biroo kan hirmaachisedha.
Yeroo ammaa kanas, mariin eegalame kun ajandaawwan dhimmoota ijoo saddet jalatti gurmaa’an irratti xiyyeeffachuun gaggeefamaa jira.
Yaa’iin kunis, waltajjii hirmaachisaa ta’e kan hirmaattonni rakkoolee biyyaalessaa irraatti bilisaan akka mari’ataniif isaan dandeessisu, dhimmoota waliigalteen irraatti akka uumamuuf barbaachisan adda baasuufi egeree waloo Itoophiyaa qajeelchuu keessatti gahee isaanii gumaachuu akka danda’aniif karra saaquuf kan kaayyeffatedha.
Hirmaattonnis, mariiwwan caaseffaman irratti mari’achuun yaada furmaataa tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf gargaaraniifi nageenyaafi tasgabbii waaraa fiduuf dandeessisan dhiyeessuuf mari’achaa jiru.
Adeemsi marii biyyaalessaa kunis, lammiileen bakka tokkotti walitti dhufanii karaa tasgabbaa’aafi kabaja qabuun garaa garummaa jiru irratti mari’achuun furmaata waloo akka barbaadaniif carraa kan uumudha jedhamees abdatama.
Gama biraan immoo, qaamoleen garaa garaa marii kana cilee dibuuf yeroo yaalan ni mul’ata. Haa ta’u malee akeekni isaanii kun milkaa’uu akka hin dandeenye ifa galaadha. Sababiin isaas biyyi ajandaawwan maqa balleessii xixiqqoo kunneeniin, kufuun haa hafuutii hin duuftu.
Marii kanarrattis, paartileen siyaasaa, hawaasni diyaaspooraa Itoophiyaa kanneen biyyoota akka Afrikaa kibbaa, Ameerikaa kaabaa, baha giddu-galeessaa, akkasumas biyyoota biroo irraa dhufan hirmaachisaa jira.
Kana malees, haadholiin daai’immaan of harkaa qaban, jaarsoliin biyyaafi bakka bu’oonnni dargaggoota marii kanarratti qooda fudhachaa jiru.
Kunis, hirmaachisummaa adeemsichaafi kutanoo waloo egeree biyyattii karaa marii nagaatiin murteessuuf jiru ifatti kan mul’isudha.
Lataa Tarreessaatu Qindeesse