Itoophiyaan tumsa Azarbaajaan waliin qabdu cimsitee itti fufti – Af-yaa’ii Taaggasaa Caafoo

You are currently viewing Itoophiyaan tumsa Azarbaajaan waliin qabdu cimsitee itti fufti – Af-yaa’ii Taaggasaa Caafoo

AMN PLUS– Adoolessa 22, 2018

Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoo, Itoophiyaan tumsa damee hedduu Azarbaajaan waliin qabdu caalaatti cimsitee akka itti fuftu ibsan.

Obbo Taaggasaa Caafoon, Af-yaa’ii Paarlaamaa Rippabiliika Azarbaajaan Saahibaa Gafarovaa waliin mari’ataniiru.

Daawwannaan kun hariiroo dipilomaasii biyyoota lameenii daran akka cimsu Obbo Taaggasaan ibsaniiru.

Marii kana keessatti, Itoophiyaa fi Azarbaajaan tumsa isaanii dameewwan dipilomaasii paarlaamaa, invastimantii, barnootaa, aadaa fi daldalaa keessatti bal’isuu fi cimsuu irratti waliigalaniiru.

Af-yaa’iin Paarlaamaa Rippabiliika Azarbaajaan Saahibaa Gafarovaa gama isaaniitiin, hariiroon dipilomaasii fi tumsi bal’aan Itoophiyaa fi Azarbaajaan gidduu jiru daran akka cimuuf sanadoonni waliigaltee barbaachisoo mallatteeffamanii, yeroo dhihoo keessatti hojii irra akka oolan ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply