AMN PLUS – Adoolessa 22, 2018
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa bara baajataa 2018 galii waliigalaa doolaara Ameerikaa biliyoona 9.1 argachuu isaa Hojii Raawwachiisaa Olaanaan dhaabbatichaa Obbo Masfin Xaasoo beeksisan.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa raawwii hojii bara baajataa 2018 ilaalchisee ibsa gaazexeessitootaaf kenneera.
Daandiin Qilleensichaa bara baajataa 2018 keessatti walumaagalatti imaltoota miiliyoona 20.7 tajaajiluu danda’eera.
Damee geejjibaa fe’umsaatiin ammoo fe’umsa toonii kuma 897 geejjibsiisuu danda’uu Obbo Masfin ibsaniiru.
Daandiin Qilleensichaa iddoo balalii idil-addunyaa afur haaraa dabaluun lakkoofsa buufataalee balalii idil-addunyaa isaa gara 150tti guddisuu eeran.
Balalii biyya keessaa ilaalchisee, waggaa kanatti iddoo balalii haaraa sadii dabaluun lakkoofsa buufataalee balalii biyya keessaa gara 25tti guddisuu danda’uu isaa ibsameera.

Obbo Masfin dabaluun xiyyaarota haaraa sagal bittaa fi kireessaan waggaa kana tajaajila keessa galchuun danda’ameera.
Kana malees, xiyyaarota leenjii paayilootaa saddeet bituu ibsan.
Bu’uuraalee misoomaa hedduu, dabalatee Tarminaala Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu eegalchiisuu fi naannolee garaagaraattis ijaarsi buufataqlee gaggeeffamaa jiraachuu isaanii ibsaniiru.
Gabaasni kan Mohaammad Toofiiqi