
AMN PLUS – Adoolessa 22/2018
Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootewoos (Dr.), walgahii idilee 49ffaa Mana Maree Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru cinaatti, Ministira Dhimma Alaa Naamiibiyaa Selmaa Ashipaala-Muusaviwii fi Ministira Dhimma Alaa Botswaanaa Dr. Fenyo Buutaalee waliin mari’atan.
Dooktar Geediyoon Ministira Dhimmoota a Alaa Naamiibiyaa waliin mariin taasisan, hariiroo biyyoota lamaanii caalaatti cimsuu irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, keessumaa dameewwan geejjiba qilleensaa fi industirii gogaa keessatti tumsa cimsuun akka danda’amu irratti mari’ataniiru.

Akkasumas, Ministirichi Ministira Dhimma Alaa Botswaanaa Dr. Fenyo Buutaalee waliin marii taasisaniin, Botswaanaan muuxannoo Itoophiyaan misooma magariisaa, ijaarsa bu’uuraalee misoomaa fi misooma koridarii magaalaa keessatti qabdu irraa barachuu akka barbaaddu ibsan.
Hariiroo biyyoota lamaanii qofa osoo hin taane dhimmoota ardii Afrikaa ilaallatan irrattiis mari’ataniiru.
Akka odeeffannoo Ministeera Dhimma Alaa irraa argame mul’isutti, Gamtaa Afrikaa, kan bu’uura yaada Pan-Afriikanizimii irratti hundaa’ee mana Afrikaanotaa ta’e, irratti mariin taasifamuu ibsameera.