AMN PLUS- Adoolessa 23, 2018
Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa, Dhaabbata Poolisii Idil Addunyaa Interpoolii fi Poolisii Malaawii waliin ta’uun, dargaggoota hedduu irratti gocha suukanneessaa fi sarbama mirga dhala namaa raawwachaa kan ture daddabarsaa namoota seeraan alaa balaafamaa Adinaaw Baashaw Wudaamoo biyya Malaawitti to’annoo jala akka oolu gochuun, seeraan akka gaafatamuuf gara biyyaa fiduu ibse.
Adinaaw Baashaw Wudaamoo to’annoo jala kan ooluu danda’e, miltoota isaa waliin yoo ta’uun Godina Hadiyyaa fi Kambaataa irraa dargaggoota hedduu “jireenya keessan isiniif fooyyessina” jechuun waadaa seenee fi abdii sobaatiin gowwoomsuun seeraan alaan gara Afriikaa Kibbaatti daddabarsaa akka ture poolisiin ragaa namaa fi waraqaatiin mirkaneesseera.
Shakkamaan kun imaltoota tokko tokko irraa Birrii kuma 600 hanga kuma 800 kan gaafatu ta’uu fi, Itoophiyaa keessatti dursee kaffaltii jalqabaa Birrii kuma 100 fi isaa ol fudhachaa akka ture galmeen qorannoo poolisii ni agarsiisa.

Shakkamaan kun imaltoota karaa Moyaaleetiin gara Keeniyaatti ceesisuun, bosona Ganboo keessatti dhoksee qabuun, sa’aatii 24’tti dhiyeessii ruuzii xiqqaafi daabboo qofa kennaafii, beelaa fi dheebuu guddaan akka dararaman gochuu isaas malee, gammoojjii Saaloo mootoraan fi faana isaaniitiin akka ce’an dirqisiiseera jechuun poolisiin ibseera.
Imaltoota baay’ina isaanii guddaa ta’an seeraan alaan magaalaa Naayiroobii erga geessisee booda, kutaa tokko keessatti walitti naquun, maatii isaanii irraa kaffaltii dabalataa akka ergiisiisan gochuun gocha suukanneessaa raawwachaa akka ture poolisiin ragaa namaa fi sanaadiitiin bira ga’uusaa ibseera.
Namoota maatii isaanii irraa kaffaltii dabalataa ergisiisuu hin dandeenye uffataan ukkaamsuu fi “asumaatti duutu” jechuun sodaachisuu, akkasumas humna elektriikiitiin dararuudhaan gocha suukanneessaa raawwachuun, Birrii kuma 100 fi isaa ol miltoota isaa Itoophiyaa keessa jiranirratti dhiyeessuun karaa baankii akka kaffalamu gochaa ture.

Imaltoota Naayiroobii irraa gara Mombaasaa, achiis gara Taanzaaniyaatti konteenaara gurguddaa, konkolaattota duubni isaanii banaa ta’anii fi dawoo uffataatiin haguugaman keessatti fe’uudhaan, bosona Taanzaaniyaa keessatti gatuun balaa suukanneessaaf saaxileera.
Dargaggoonni baay’een isaanii Afriikaa Kibbaa osoo hin ga’in biyyoota garaa garaa keessatti to’annoo poolisii jala seenuun, seeraan alaan biyya keessa galaniif hanga waggaa sadiitti adabbiin hidhaa irratti murtaa’eera.
Adabbii hidhaa kana xumuruudhaanis kaffaltii Birrii kuma 170 kaffaluun gara Itoophiyaatti deebi’aniiru.

Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa Interpoolii waliin ta’uun bara 2015 irraa jalqabee hordoffii cimaa taasiisaa turee, dargaggoota hedduu irratti dararaa namummaa fi miidhaa diinagdee geessisaa kan ture Adinaaw Baashaw Wudaamoo Poolisiin Malaawii Adoolessa 22, 2018 to’annoo jala oolchuun Itoophiyaaf dabrsee kennuu isaa Poolisiin Federaalaa odeeffannoo AMN’f ergeen beeksiseera.
Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa dhaabbilee poolisii biyyoota biroo waliin ta’uudhaan tumsa isaanii cimsuun namoota yakka walfakkaatu irratti hirmaatan adamsee seeraaf dhiyeessuu akka itti fuufu ibsaa, hawaasnis sarara tolaa EFPApp, 991 fi SPS’n ragaa kennuudhaan deeggarsa taasiisaa jiru akka cimsamu waamicha dhiyeesseera.